
AMN PLUS – Waxabajjii 04/ 2018
Tattaaffii dippilomaasii Ministeerri Dhimma Alaa, Misiyoona Itoophiyaa Riiyaad jiru fi Waajjira Qoonsilaa Jiiddaa jiru qindeessuun taasiseen, lammiilee 1,655 Sa’ud Arabiyaatti hidhamanii turan adeemsi murtii isaanii addaan citee labsiin dhiifamaa akka isaaniif kennamu taasifamuu Ministeerri Dhimma Alaa beeksise.
Bu’aan kun kan argame, mootummaan hariiroo alaa keessatti dippilomaasii lammii irratti xiyyeeffateef xiyyeeffannoo guddaa kennuu isaatiin ta’uu eerameera.
Kallattii dippilomaasii lammii irratti xiyyeeffate kanaan walqabatee, dhimmoota Sa’ud Arabiyaatti tattaaffii dippilomaasii dabalataa barbaadan ilaalchisees hordoffiin taasifamaa jiraachuus Ministeerichi ibseera.
Carraa kanaan, mootummaan hawaasni gocha gowwomsaa sobaa faddaaltota seeraan alaa miidiyaa hawaasummaatiin deeggaramee raawwatamu irraa of akka eegu hubachiiseera.
Daddabarsitoota namootaa seeraan alaa seeratti dhiheessuuf tattaaffiwwan jalqabaman cimanii kan itti fufan ta’uu addeessee jira.