Bu’aan sagalee naannolee filannoo 1,131 Boordii Filannoo Biyyaalessaa gahuun ibsame

You are currently viewing Bu’aan sagalee naannolee filannoo 1,131 Boordii Filannoo Biyyaalessaa gahuun ibsame

AMN PLUS – Waxabajjii 05/2018

Bu’aan sagalee filannoo naannolee filannoo 1,131 giddu gala mirkaneessa Boordii Filannoo Biyyaalessaa gahuun ibsameera.

Walitti Qabduun Boordii Filannoo Biyyaalessaa Aadde Meelaataawrqi Hayiluu ibsa miidiyaaleef kennanniin bu’aan sagalee filannoo waliigalaa marsaa 7ffaa naannolee filannoo 1,131 giddu gala mirkaneessa boordichaa dhaqqabeera jedhaniiru.

Ibsa isaaniitiin naannolee filannoo 1138 keessaa keessaa bu’aan sagalee filannoo naannolee filannoo 1131 giddu gala mirkaneessa boordii filannoo biyyaalessaa dhaqqabuu kaasaniiru.

Bu’aan naannolee filannoo hanga ammaa giddu gala mirkaneessa boordii filannoo biyyaalessaa hin dhaqqabiin jiranii 6 naannoo Somaalee, 1 ammoo naannoo Amaaraa tahuu hubachiisuun sababa fageenyaafi bal’ina lafaan walqabatee akka tahee ibsaniiru.

Naannolee filannoo mana maree bakka bu’oota uummataa 501 keessaa 497 gara giddu gala boordichaa dhaqqabuu kan ibsan Aadde Meelaataawarqi kan hafan 638 kan mana maree naannolee keessa 634 tahuu himaniiru.

Gama biroon komiiwwan 120 naannolee filannoorratti kan dhiyaate tahuu kan ibsan Walitti Qabduun Boordii Filannoo Biyyaalessaa Aadde Meelaataawrqi Hayiluu kutaa seeraa boordiin adda baafamuun ragaaleen irratti qindaa’aa jiraachuu hubachiisaniiru.

Gabaasni kan Taammiruu Damiseeti

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply