Poolisiin Finfinnee hojii nageenya kabachiisuu cinaatti ispoorteessitoota kabaja biyyaa olkaasan horachaa jira

You are currently viewing Poolisiin Finfinnee hojii nageenya kabachiisuu cinaatti ispoorteessitoota kabaja biyyaa olkaasan horachaa jira

AMN PLUS – Waxabajjii 05/2018

Qajeelchi waliigalaa Poolisii Finfinnee hojii nageenya kabachiisuu itti kennamee cinaatti ispoorteessitoota kabaja biyyaa addunyaarratti ol kaasan horachaa jiraachuu Ajajaan olaanaa Qajeelchichaa Leetaanal Jeneraal Asraat Deeneeroo ibsaniiru.

Qajeelchi waliigalaa Poolisii Finfinnee ispoortessitoota miseensa poolisii bara 2018’tti qabxii olaanaa galmeessisaniif guddina sadarkaa, badhaasa maallaqaa akkasumas sagantaa beekamtiifi galateeffannaa qopheessera.

Ajajaan qajeelcha walii galaa olaanaan Poolisii Finfinnee Leetanal Jeneraal Asraat akka jedhanitti adeemsi Filannoo Waliigalaa Biyyaalessaa marsaa 7ffaan guutummaatti nagaa fi tasgabbaa’aa ta’ee akka xumuramuuf poolisiin gahee murteessaa bahateera.

Kanaafis miseensota poolisii magaalattii hundaaf galata guddaa dhiyeessaniiru.

Poolisiin Finfinnee hojii nageenya kabachiisuu dabalataan ispoortessitoota kabaja biyyaa dirree ispoortii addunyaarratti ol kaasan horachaa jiraachuu isaas dubbataniiru.

Ispoortessitootni dhaabbaticha keessaa bahan dorgommiiwwan ardii fi addunyaarratti injifannoo argachuun medaaliyaa hedduu galmeessisuun kabajni biyyaa addunyaa irratti akka calaqqisu gochuu isaanii ibsaniiru.

Milkaa’inni jajjabeessaan kun argamuu kan danda’e ispoortessitoota biyya bakka bu’an horachuuf xiyyeeffannoo guddaan hojjetamuu isaa dubbataniiru.

Sagantaan beekamtii taasifame kun ispoortessitoota injifatan jajjabeessuuf kan kaayyeffate yoo ta’u gara fuulduraattis dhaabbileen poolisii madda ispoorteesitoota bakka bu’anii akka ta’an xiyyeeffannoon akka hojjetamu dubbachuu isaanii ENA’n gabaasera.

Ispoorteessitootni guddina sadarkaa fi badhaasa argatan gamasaniitiin akka jedhanitti, badhaasni kun hojiiwwan keenya darbaniif beekamtii kennuu bira darbee, gara fuulduraatti cimnee hojechuun biyyaa fi kilaba keenya bu’aa caaluun waamsisuuf haamlee nutti uumeera jedhaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply