AMN PLUS – Waxabajjii 05/2018
Itoophiyaan walitti hidhamiinsa qaxanaa irra darbee biyyoota Idil-Addunyaa waliin walitti dhufeenyi dippiloomaasii qabdu cimaa jira.
Keessattuu waggoota dhiyoo as hooggantoonni biyyoota hedduu gara wiirtuu dippiloomaasii kan taate Finfinnee dhufuun tumsa gar-lamee cimsuu irratti argamu.
Imaammanni quunnamtii Idil-Addunyaa Itoophiyaan hordoftu gama siyaasaan, diinagdee fi hawaasummaa xiyyeeffannoo argateen bu’aa qabatamaa fidaa jira.
Nageenyaa fi kabaja dhala namaaf maluufis mootummaan lammiilee Itoophiyaa biyya kamiiyyuu jiraataniif xiyyeeffannoo kennuun imaammata alaa isaa karaa lammiilee giddu galeessa godhateen bu’uuresseera.

Haaluma kanaan waggoottan jijjiiramaa darban kabajaa fi ulfina dhala namaa giddu galeessa godhateen hojimaata qopheesse hojii irra oolchaa jijjiiramaa asitti dippiloomaasii lammiilee giddu galeessa godhateen biyyoota hedduu keessatti haala rakkisaa keessa kan turan Itoophiyaanota Kuma 432 ol ta’an nagaan gara biyyaatti deebisuun danda’ameera.
Fulbaana 05/2018 qindoominaan hojii lammiilee gara biyyaatti deebisuu hojjetame qofaan hanga ammaatti Itoophiyaannonni Kumni 77 ol gara biyyaatti deebi’aniiru.
Isaan keessaa dargaggootniifi dubartoonni umurii waggaa 18 gadi ol-adeemtota akka akka keessatti argaman odeeffannoon Ministeerri Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa argame ibseera.

Lammiilee haala rakkisaa keessa turan gara biyyaatti deebisuu irra darbee irra deebiin ijaaruun hojiitti bobbaasuuf haalli mijataa uumuu keessatti bu’aalee jajjabeessoon galmaa’aniiru.
Kana malees mootummaan godaansa al-idilee ittisuu cinatti karaa mirgi lammiilee itti eegamu daandii seeraan hojjetanii fayyadamuu akka danda’an diriirseera.

Ministeerri Dhimma Alaa guyyaa kaleessaa karaa waajjiraalee Qontsilaa Itoophiyaa Riyaadiifi Jiddaatti argamaniin adeemsa dippiloomaasii taasiseen Saawud Arabiyaatti to’annoo seeraa jala kan turan kuma 1 fi dhibba 655 adeemsi himannaa isaanii adda citee labsiin dhiifamaa akka godhamuuf ta’eera.
Kunis mootummaan lammiileedhaaf xiyyeeffannaa kenneen bu’uura dippiloomaasiin hordoffii cimaa taasisuun milkaa’uu danda’uu odeeffannoon Ministeerichaarra argame ni mul’isa.