AMN PLUS – Waxabajjii 05/2018
Ministirri Raayyaa Ittisa Biyyaa Injinar Ayishaa Mahaammad qophaa’ummaa waraanaa Raayyaa Ittisaa mirkaneessuuf riifoormii hunda galeessi tajaajila fayyaa teeknoloojiin deeggarame kennuuf dandeessisu taasifameera jedhan.
Ministeerri Raayyaa Ittisaa Dhaabbata Idil-Addunyaa Hindii Garee Fayyaa Paadiyaat jedhamu waliin waliigaltee tumsaa sadarkaa indaastirii fayyaa guddisuuf dandeessisu waliif mallatteessera.
Injinar Ayishaa Mahaammad xiyyeeffannoo waliigaltichaa yeroo ibsan tajaajila Hospitaala Ispeeshaalaayizdii Riiferaalaafi Garee Diyaagonistikii Raayyaa Ittisa Biyyaa gara sadarkaa olaanaatti kan ceesisudha jedhaniiru.

Dabalataanis bu’uuraalee misoomaa fayyaa dhaabbatichaa ce’umsa teeknoloojiifi beekumsaa dabaaluun guddisuun tajaajila fayyaa fooyya’aa kennuuf akka dandeessisu eeraniiru.
Qophaa’ummaa waraanaa Raayyaa Ittisaa mirkaneessuuf riifoormiin hunda galeessi tajaajila fayyaa teeknoloojiin deeggarame kennuuf dandeessisu taasifamuus kaasaniiru.
Ministirri Fayyaa Dooktar Maqdas Dhaabaa gama isaaniin, waliigalteen dhaabbilee lameenii waadaa mootummaan uummataaf tajaajila fayyaa qulqullina qabu kennuuf seene qabatamaatti kan jijjiiru ta’uu ibsaniiru.

Imaammata fayyaa dhibee dursan ittisuufi wal’aanuun fayyisuu bu’uura taasifateen tajaajila fayyaa waliin gahuuf hojjetamaa jiraachuu kaasanii, waliigaltichi biyyarra darbee turizimii fayyaa Afrikaa cimsuuf dandeessisaas ibsaniiru.
Waliigaticharratti qooda kan fudhatan Itoophiyaatti Ambaasaaddarri Hindii Ambaassaaddar Anii Kumaar Raay yaada dabalataa kennaniin tumsi biyyoota lameenii roga maraan guddachaa dhufuu ibsuu isaanii ENA’n gabaasera.