AMN PLUS- Waxabajjii 05/2018
Miseensonni Roobalee Foollama irratti kan argaman absaaluudhan sirna aangoo wal harka fuudhiinsa Gadaa Tuulamaa kabu.
Ilmaan Tuulama Sadeen warrii miseensa Gadaa meelbaa aangoo Gadaa warra miseensa muudanaa/Michilleef dabarsuuf cidha irra jira.
Aangoo Gadaa kanas Ardaa jilaa Dhaka Koratti kan waliif dabarsan yoo ta’u, sirna kana eegaluun dura warra abbaa faajjii warra angafaa jahaan Galaanii eebbifatani Ardaa Jilaa kanatti qajeeluu.
Warrii Miseensa Foollee Roobaleenis sirna kana duuka bu’e absaaluun ho’isa.
Foolleen waan afuriin kuulamanii kan absaalaan yoo ta’u, isaaniis hororsaa ykn hororoo, gaalee/wantaa, baallii fi daabee jaldeessaa godhachuun sirbu.

Foolleen hororoo harkatti qabatan kanarrattis waan sigabarraa muran irratti hidhuun mirmisrsu.
Sigabaan kunis nama haadha warraa dhirsii irraa du’eetti galuudhaan ilmaan du’a, roorrisuu hordofanii sirna gadaatiin waan guutu qabu akka guutu taasisuu yokaan kan didu ta’e uffata irraa muru.
Gaalee ykn wantaa ammoo korma buttaaf qalame dhiiga isaa itti qocachuun bilatu. Gama biraatiin ammoo yeroo absaalaa uleen walitti rukutuun akka si’a argatu taasisu.

Daabee jaldeessaa kanas foolleen mataatti keewwachuun kan absaaluu yoo ta’u, yeroo dhiyaana dhangas gurra urtu warraa lubaa irra fudhatu haadha manaa lubichaatti daabee kana kaawwisa.
Akkas jechuunis absaaluu
”Addaatti naa baatee finnoo haa dhangaa gurraa urtuu na bira koottu xiqqoo” jechuun sirba.
Haati warraa lubichaa ammoo akkas jechuun sirbitif..
”Waaqatuu kanaan na gahee yaa roobalee baga kanaan si gahee” jettee faarsiti.
Miseensi foollee warri Roobalee cidha aangoo wal harkaa fudhinsaa kana absaaluun akkasumas nageenya eegsisuun hanga xumuraatti biratti argamu.
Shuumii Badhaasootiin Qindaa’e