Bu’uurri misoomaa dursa nageenya iddoo hojii tolchuu aadaa taasifachuurraa eegala – Injinar Wandimmuu Seettaa

AMN PLUS – Waxabajjii 05/2018

Nageenya iddoo ijaarsaa mirkaneessuu qaama aadaa misooma keenyaa taasifachuu qabna jedhan Sadarkaa Kantiibaa Itti Aanaatti Hoji Gaggeessaan Olaanaa Magaalaa Finfinnee Injinar Wandimmuu Seettaa.

Waldaan ogeeyyii Teeknoloojii Ijaarsaafi Bulchiinsaa Itoophiyaa Akkaataa nageenya ijaarsaa mirkaneessuun danda’amurratti waltajjii idil addunyaa qopheessera.

Magaalaa Finfinnee bu’uurarraa jijjiiramaa jirtuuf gaheen dameen ijaarsaa gumaachaa jiru olaanaa ta’uu Sadarkaa Kantiibaa Itti Aanaatti Hoji Gaggeessaan Olaanaa Magaalaa Finfinnee Injinar Wandimmuu Seettaa himaniiru.

Nageenya iddoo ijaarsaa qaama aadaa misooma taasifachuun barbaachisaa ta’uu eeranii kun ammoo qajeeltoo baasuu qofaan osoo hin taane hojii qabatamaan milkaa’a jedhaniiru.

Rakkoon nageenya iddoo ijaarsaa kan idil addunyaa ta’uu kan dubbatan Injinar Wandimmuun rakkoo kana furuufis qindoomina idil addunyaa waan barbaaduuf waltajjichi qophaa’us ibsaniiru.

Pirezidaantiin Waldaa Ogeeyyii Teeknoloojii Ijaarsaafi Bulchiinsaa Itoophiyaa Injinar Sofoniyaas Dannaqaa gama isaaniin dameen ijaarsaa guddina dinagdee, carraa hojii uumuun akkasumas misooma biroof bu’uura ta’uu himanii damichi qooda irraa barbaadamu akka gumaachuuf nageenya hojjettootaa mirkaneessuun murteessaa ta’uu himan.

Nageenya iddoo ijaarsaa mirkaneessuuf ammoo ogeeyyii damichaa beekumsaafi muuxannoo wal jijjiiruun barbaachisaa waan ta’eef waltajjiin idil addunyaa dhimma ijaarsarratti xiyyeeffatu qophaa’e jedhan.

Damee ijaarsaa biyya Jarmaniirraa waltajjii kanarratti kan hirmaatan Pirezidaantiin ijaarsa ISSA Pirofeesar Kaarl-Hee’inz Noo’etel balaa iddoo ijaarsaa hojjettootarra gahu ittisuuf hojimaataa sirrii hordofuun, duudhaa ogummaa dameen kun barbaadu guutummaatti hojiitti hiikuun, balaan osoo hin uumamiin ittisuurratti xiyyeeffachuun akkasumas qooda fudhattoonni damichaa waloon itti gaafatamummaa fudhachuun murteessaa ta’uu dubbataniiru.

Gabaasni kan Zallaqaa Oljiraati

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply