
AMN PLUS- Waxabajjii 08/2018
Pirojektii seenaa Afriikaa keessatti isa jalqabaa ta’e Buufanni Xayyaaraa Idil-Addunyaa Bishooftuu guyyaa fi halkan kutannoo walirraa hincinneen ijaaramaa akka jiru Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (Dr.) ibsan.
Dooktar Abiyyi ergaa miidiyaa hawaasummaa isaanii dabarsaniin, piroojektii bu’uraalee misooma aviyeeshinii seenaa Afriikaa keessatti isa guddaa kan ta’e Buufata Xayyaaraa Idil-Addunyaa Bishooftuu daawwachuu isaanii addeessaniiru.

Buufanni xayyaaraa kun yeroo xumuramu waggatti imaltoota miliyoona 110 simachuuf fi Itoophiyaa wiirtuulee aviyeeshinii addunyaa keessatti sadarkaa duraa irratti argaman keessa hiriirsuuf, guyyaa fi halkan kutannoo walirraa hincinneen ijaaramaa akka jiru ibsaniiru.