Namoomni namatti dhaga’amuun waldeeggaruun waggoottan muraasaa as aadeffatameera – Dooktar Darajjee Dhugumaa

AMN PLUS – Waxabajjii 08/2018

Guyyaan Arjooma Dhiigaafi Qaroo Ijaa idil-addunyaa akka biyya keenyaatti yeroo 23ffaaf qindeessummaa Tajaajila Baankii dhiigaafi Tiishuu Itoophiyaan kabajamu baatii Waxabajjii kana guutuu sosochiiwwan garaagaraan akka kabajamu ibsame.

Ayyaanichi Mata-duree “gochi namoomaa lubbuu baraara, qaroo deebisa” jedhuun kan kabajamuu eegale yoo tahu sagantaan tola ooltootni itti galateeffataman Finfinnee Hoteela Iskaayilaayititti adeemsifameera.

Saganticharratti argamuun ergaa kan dabarsan Ministir Deetaan Ministeera Fayyaa Dooktar Darajjee Dhugumaa Aadaan deeggarsaa namoomaaf taasifamu akka biyyaatti waggoottan muraasa as hundee gadi fageeffachaa dhufeeraa ibsaniiru.

Mootummaan Baankota Dhiigaa 60 ol akka biyyaatti naannolee garaagaraa keessatti hundeessuu hubachiisuun waldhaansi Qaroo Ijaa deebisanii dhaabuu Finfinnee qofatti kennamaa ture yeroo ammaa kana Jimmatti jalqabamuufi yeroo itti aanutti bakkeewwan birootti babal’isuuf hojjataamaa jiras jedhaniiru.

Kun kuttannoo mootummaan qabuu fi deeggarsa lammileen taasisaa jiran kan agarsiisu ta’uS Doktar Darajjeen himaniiru.

Akka biyyaatti waggaa waggaan dhaabileen fayyaa korojoo dhiigaa Miliyoona 1.2 kan barbaadan ta’uu kan himan Dooktar Darajjeen, kanaa guutuuf walakkaa ol akka hafu dubbataniiru.

Daayireektarri Olaanaa Tajaajila Baankii Dhiigaa Itoophiyaa Dooktar Ashannaafii Taazzabaawu gama isaaniitiin bara bajataa 2018 baatiiwwan 11 keessatti dhiigni korojoon Kuma 441 walitti qabamuu ibsuun kunis karoora tajaajilichaa keessaa dhibbeentaa 88 ta’uu himaniiru.

Ammi dhiigaa walitti qabamaa jiru kan baroota darbaniirra caalmaa qabaatus fedhiin dhiigaa dhaabbileen fayyaa qaban olaanaa waan ta’eef ammallee arjoomtota barbaadaa jedhaniiru.

Dhiigni arjoomtotaan kennamu da’umsa irratti dhangala’uu dhiigaan du’a haadholii mudatu hir’isuuf, Yaalii baqaqsanii waldhaanuu olaanaaf, balaa konkolaataa, dhibeewwan keessoo hir’ina dhiigaafi dhiibeewwan weeraraan dhufan waldhaanuuf akka oolu Dooktar Ashannaafiin ibsaniiru.

Kabaja Ayyaana kanaa irratti namoota golee biyyattii hunda irraa walitti babahan kanneen dhiigaa arjoomuun lubbuu baraaraniifi qaroo ijaa arjoomuun ifa namootaa deebisaniif beekamtiin kennamuun galateeffatamaniiru.

Waltajjicha irratti warri kanaan dura dhiiga kennanii hin beekne yeroo jalqabaaf kennuun lubbuu akka baraaran, kanneen kanaan dura kennaa turanis irra deddeebiin kennuun ambasaaddaroota lubbuu baraaraniifi qaroo deebisan akka ta’aniif waamichi darbeera.

Dhumarratti Ministir Deetaan Ministeera Fayyaa Dooktar Darajjee Dhugumaa ergaa dabarsaniin lammileen biyyatti dhiiga arjoomuun lubbuu akka baraaran akkasumas qaroo ijaa kennuuf waadaa galuufi du’a booda arjoomuun lammileef ifa ta’uu akka qabus waamicha taasisaniiru.

Gabaasti Kan Bayyanaa Taaddasaati

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply