Buufatni Xiyyaaraa Bishooftuu, magaalaa haaraa takka akka ijaaruuti- MM Abiyyi Ahimad (Dr.)

You are currently viewing Buufatni Xiyyaaraa Bishooftuu, magaalaa haaraa takka akka ijaaruuti- MM Abiyyi Ahimad (Dr.)

AMN PLUS- Waxabajjii 08/2018

Projektiin Buufata Xiyyaaraa Bishooftuu seenaa Itoophiyaas ta’e kan Afrikaa keessatti hojii misoomaa guddaa dorgomaa hin qabneedha jedhan Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (Dr.)

Dooktar Abiyyi adeemsa ijaarsa buufata xiyyaaraa guddicha Bishooftutti ijaaramaa jiru daawwataniiru.

Yeroo daawwannaa kanaatti akka ibsanitti, projektiin kun seenaa Itoophiyaas ta’e Afrikaa keessatti hojii misoomaa guddaa dorgomaa hin qabneedha.

Projektiin guddichi kun bal’ina lafaa qabateen, waliigala maashinaroota bakkichatti socho’aniin sadarkaa Afrikaatti isa guddaa ta’uu isaa addeessaniiru.

Hooggantoota olaanoo mootummaa garaa garaa waliin ta’uun ijaarsa kana kan daawwatan Dr. Abiyyi, hojii misoomaa keessatti qabxiin ijoon maallaqa argachuu ykn karoora projektii qofa osoo hin taane, dandeettii raawwii fi hoggansaa ta’uu isaa eeran.

Kana dura hanqina hoggansa projektii biyya keenya keessa turerraan kan ka’e, hojiiwwan baay’een yoom jalqabamanii yoom akka xumuraman akka hin beekamne turan jedhaniiru.

Kanaan kan ka’es, projektoonni qulqullina isaanii kan hin eegganneefi kan harkifatan akka turan eeraniiru.

Haata’u malee, ijaarsi buufata xiyyaaraa Bishooftu seenaa hojii barame kana karaa ammayyaatiin kan jijjiiru ta’uu isaa ibsaniiru.

Yeroo ammaa kanatti bakkichatti hojjettoonni Kuma 8 ol halkanii fi guyyaa hojjachaa kan jiran yoo ta’u, maashinaroonni gurguddoon fi konkolaattonni kuma 3 fi 800 hanga Kuma 4 ta’an marsaa kiilomeetira 30 keessatti socho’aa jiru.

Hojiin kun mataa isaatiin magaalaa xiqqoo takka akka ga’u kan ibsan Dr. Abiyyi maashinaroonni kunneen guyyaatti boba’aa liitira kuma 650 ol kan fayyadaman ta’uu fi guyyoota kudhan qofa keessatti boba’aa liitira miiliyoona 7 akka barbaadan bal’inaan ibsaniiru.

Qabeenya, humna namaa fi konkolaataa gurguddaa ta’e kana karaa ammayyaatiin bulchuun ogummaa fi sirna ol’aanaa of danda’e kan gaafatu waan ta’eef, projektiin kun to’annoo teeknoolojii ol’aanaatiin hoogganamaa jira.

Waliigala sochiin hojichaa daree to’annoo (Situation Room) irraa akkasumas diroonii dhiyoon hordoffiin akka taasifamuuf Dooktar Abiyyi dubbataniiru.

Konkolaataan tokkoon tokkoon isaa eessaa ka’ee eessa akka dhaabbatu, guyyaatti biyyoo hammam akka deddeebisu fi hojichi sadarkaa kam irra akka jiru daashboordii irratti ragaan walitti qabamee akka xiinxalamu ibsaniiru.

Mootummaan muuxannoo kana bu’uura godhachuun, projektoota misoomaa biroos ariitii wal fakkaatuun fi teeknoolojiin deggaramee raawwachuun dandeettii hoggansa projektii haaraa uumaa akka jiru Dr. Abiyyi ibsaniiru.

Tagany Bafiqaaduutiin Qindaa’e

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply