Mirgi daa’immanii guutummaatti akka kabajamuuf manaa hanga addabaabayitti hunduu qooda akka qabu hubachiifame

You are currently viewing Mirgi daa’immanii guutummaatti akka kabajamuuf manaa hanga addabaabayitti hunduu qooda akka qabu hubachiifame

AMN PLUS – Waxabajjii 09/2018

Guyyaa daa’immannii akka Afrikaatti yeroo 36ffaaf, akka Itoophiyaatti ammoo yeroo 35ffaaf waggaa waggaan Waxabajjii 09 kabajamu sababeeffachuun Finfinneen guyyicha marii paanaaliin kabajaa jirti.

Biiroon Dhimma Daa’imman, Dubartootaafi Hawaasummaa Magaalaa Finfinnee guyyicha mata duree ‘Naannoo Nageenyiifi Qulqullinni Isaa Eegame Daa’imman Hundaaf’ jedhun marii paanaalii qopheessuun qooda fudhattootaaf dhiyeessera.

Guyyaan kun daa’imman Afrikaa Kibbaatti mirga isaanii gaafachuuf ba’anirratti miidhaa raawwatame yaadachuun lammata akka irra hin deebi’amne hubnnoo uumuuf waggaa waggaan kan kabajamu ta’uun kan ibsan Hooggantuun Biiroo Dhimma Daa’imman, Dubartootaafi Hawaasummaa Magaalaa Finfinnee Aadde Qonjit Dabalaa mirgi daa’immanii guutummaatti akka kabajamuuf manaa hanga addabaabayitti hunduu qooda akka qabu hubachiisaniiru.

Daa’imman qananummaan guddisuun Itoophiyaa badhaate milkeessuuf bu’uura ta’uu hubachuun Magaalaa Finfinnee Magaalota Afrikaa keessaa magaalaa guddina daa’immaniif filatamtuu taate taasisuuf hojiileen waggoota muraasaa as hojjetaman bu’aa olaanaa fidaniirus Aadde Qonjit kaasaniiru.

Bu’uuraalee misoomaa guddina daa’immaniif tajaajilan hojjechuu, iddoo oolmaa daa’immanii babalisuu, bakka daa’imman taphatan mijeessuun, mana barnootaatti nyaataaf meeshaalee barnootaa barbaachisan guutuun hojiileen hojjetaman xiyyeefannoo guddina daa’immaniif Magaalaan Finfinnee kenniteef ragaadha tahus itti dabaluun eeraniiru.

Marii paanaalii qophaa’en alattis guyyaan daa’imman Afrikaa akka magaalaa Finfinneetti sirnoota garaagaraan kabajamuu akka itti fufu ergaa isaanii keessatti kan hubachiisan Aadde Qonjit Dabalaa mirgi daa’immanii akka kabajamuuf qooda fudhattootni maatiin, manneen barnootaa, dhaabbilee mootummaafi miti mootummaa akkasumas dhimmamtootni waa’een daa’immanii na ilaallata jedhan hunduu gahee isaanii akka bahatan waamicha dhiyeessaniiru.

Gabaasni kan Zallaqaa Oljirraati

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply