Dhaabbii Biqiltuuwwan Biliyoona 8 ol akka biyyaatti karoorfamee eegalleerra – Kantiibaa Adaanech

You are currently viewing Dhaabbii Biqiltuuwwan Biliyoona 8 ol akka biyyaatti karoorfamee eegalleerra – Kantiibaa Adaanech

AMN PLUS – Waxabajjii 09/2018

Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee Afrikaatti pirojektii Aveeshinii guddaa kan tahe ijaarsi buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Bishooftuu hojjetamaa jiru baay’ee guddaafi kan nama raaju tahuu ibsaniiru.

Aadde Adaanech kaleessa turtii Bishooftuutti dabarsinan pirojektii guddaafi baay’ee miidhagaa ta’e kana daawwanneerra jedhaniiru.

Kantiibaa Adaanech ergaa toora miidiyaa hawaasaa isaaniin dabarsaniin pirojekticha daawwachuu ibsuun achumaan sagantaa ashaaraa magariisaa akka biyyatti biqiltuuwwan Biliyoona 8 ol dhaabuuf karoorfame mata duree “Abdii Dhaabuu” jedhun eegalame keessa ashaaraa isaanii keewwachuun qaama sagantaa seena qabeessa kanaa taaneerra jechuun ibsaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply