AMN PLUS – Waxabajjii 09/2018
Humni Qilleensaa Itoophiyaa gaachana qilleensarra birmadummaa biyyaa kabachiisudha jedhan Ajajaan Olaanaa Humna Qilleensichaa Leetenaal Jeneraal Yilmaa Mardasaa.
Humni qilleensaa cimaan teeknoloojii ammayyaa hidhateefi biyya weerara diinaafi shira baandotaa irraa ittisu ijaaramuu ibsaniiru.
Humna Qilleensaa teeknoloojii yeroon barbaadu hidhate, xiinsammuun jabaate, kabaja biyyaaf kutannoon dhaabbatu ijaaruun danda’amus eeraniiru.
Dirqamni jalqabaa hogganaan waraanaa yeroo nagaatti loltoota waraanaaf ga’oomsuu, waraanni yoo mudates injifannoo gonfachuu akka ta’e kaasanii, biyyi kan ijaaramtu raayyaa goota haala ammayyaan gurmaa’e, leenji’e, hiidhateefi gahoomeen ta’uu ibsaniiru.
Ijaarsi waaraan dhaabbata humna qilleensichaa ce’umsa teeknooloojiin, hojimaatilee leenjii dijitaalaan, akkasumas teeknoloojiiwwan Aviyeeshinii ammayyaafi hidhannoowwan waraanaan kan dabaalame ta’uu eeranii, kunis dhaabbaticha dhaabbata cimaafi amansiisaa naannawichaa taasisuu eeraniiru.

Gootonni balaliistotniifi teeknishaanotni keenya samii Itoophiyaa dammaqinaan eegaa jirus jedhan.
Dhaabbatichi yeroo ammaa xiyyarotaafi helikooptaroota ammayyaan deeggaramuun bobbii qilleensarraa si’ataafi dandeettii loojistiksii olaanaa ijaaruu ibsuu isaanii Miidiyaan Oonlaayinii Raayyaa Ittisaa odeeffannoo AMN’f ergeen ibseera.