AMN PLUS – Waxabajjii 09/2018
Waggoota jijjiiramaa darban keessatti Finfinneetti tajaajilli tola ooltummaa gannaa hojii qabatamaa ta’aa kan dhufe deeggarsa meeshaalee irra darbuun dandeettii namaa ijaaruu fi miira abbummaa guddisuun humna guddaa akka qabu mirkaneessaa jira.
Hojiin tola ooltummaa kunis Magaalaa Finfinneetti yeroodha gara yerootti dabalaa kan dhufe jiraattota magaalattii birattis dinqisiifannaa olaanaa argachaa jira.
Sochiin kunis maqaa gaarii magaalattii jijjiiruu qofa osoo hin taane, hariiroo hawaasummaa jiraattotaa cimsuufi miira abbummaa isaanii magaalattii irratti qaban baay’ee guddisaa jira.
Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeetis gaarummaa fi hojiin tola ooltummaa akka mallattoo jiraattota Magaalaa Finfinnee ta’etti yeroo hedduu ibsaniiru.

Gaarummaan namoota biroo gargaaruu qofa osoo hin taane, namni kennellee gammachuu argachuufi walitti dhufeenya kan ittiin cimsannu qabeenya guddaa akka ta’es kaasaniiru.
Finfinneetti guddina diinagdee qofa osoo hin taane kabaja namaa fi gaarummaan akka beekamtuuf hojiileen baay’een akka hojjetaman kan eeran Kantiibaa Adaanech,waggoota jijjiiramaa darban keessatti tajaajila tola ooltummaa gannaatiin kutaalee hawaasaa garaagaraa walitti fiduun rakkoo waliinii irratti waloon hojjechuu kan dandeessisu aadaa gaarii guddisuun waan baay’een akka hojjetamanis dubbataniiru.
Haaluma kanaan dargaggoonni manneen namoota humna hin qabnee haaromsuun, naannoo qulqulleessuun, daandiiwwan keessa keessaa suphuun akkasumas bo’oowwan balfa dhangalaa’aa qulqulleessuu hojjechuun rakkoolee jireenya hawaasaa guyyaa guyyaa mudatan furuuf gumaacha guddaa taasisaa kan ture yoo ta’u, kunis miira itti gaafatamummaa dargaggootaa guddisuu qofa osoo hin taane, hawaasa walitti fiduun tokkummaa cimsuuf akka riqichaatti kan tajaajilu akka ta’es kaafameera.
Sochii gaarummaatiin kan deggarame misoomni ashaaraa magariisaa bifti Magaalaa Finfinnee akka jijjiiramu taasiseera.
Pirojektoonni misoomaa kan akka qarqara laga Inxoxxoo hanga Qacaneetti jiru jiraattonni uumama waliin walitti dhufeenya isaanii akka cimsatan dandeessisuun pirojektii fakkeenya guddaa qabuudha.

Hojii gaarummaatiin kan beekamu waggaa waggaadhaan biqiltuu dhaabuun paarkiiwwan uummataa kunuunsuu fi naannoo misoomsuu irratti hojii hojjetameen magaalattiin caalmaatti mijattuufi miidhagduu akka taatu taasiseera.
Keessattuu barattootaafi dargaggootaaf leenjiiwwan dandeettii IT, leenjii afaanii fi leenjii hojii uumuu kennaman dhaloota gahumsaa qabu kan boru Fifinnee dhaalu danda’an qopheessuu keessatti shoora olaanaa akka qabus ibsameera.
Gama biraatiin tajaajilli karaa dijitaalaatiin kennamaa dhufuun hojiiwwan biirookiraasii hir’isuun, bulchiinsa gaarii diriirsuun fi lammiilee tajaajila saffisaa argachiisuun jijjiirama guddaa fidaa kan jiru yoo ta’u, bu’aan kun hundi kan argame kaka’umsa dhuunfaa qofaan osoo hin taane Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee hirmaannaa uummataaf xiyyeeffannoo kennuun hawaasaa gidduutti walta’iinsi bu’a qabeessi uumamuu akka danda’u ta’eera.
Magaalaa Finfinneetti hojiin tola ooltummaa gannaa rakkoo waliinii furuun akka danda’amu sirriitti kan agarsiise yoo ta’u, misooma magaalaaf hirmaannaa uummataa murteessaa ta’e kan mul’isu fi bu’uura jijjiiramaa isaa guddaas akka ta’e ibsameera.
Shuumii Badhaasootiin