Hidhattoota Duraan Naannoo Oromiyaa Keessa Socho’aa Turaniifi Gara Nageenyaatti Dhufan Waliin Adaamaatti Mari’atamaa Jira

You are currently viewing Hidhattoota Duraan Naannoo Oromiyaa Keessa Socho’aa Turaniifi Gara Nageenyaatti Dhufan Waliin Adaamaatti Mari’atamaa Jira

AMN PLUS- Waxabajjii 09/2018

Komishiniin Marii Biyyaalessaa hidhattoota duraan Naannoo Oromiyaa keessa socho’aa turaniifi gara nageenyaatti dhufan waliin dhimmoota ajandaa marii biyyaalessaa dhiyeeffatan ilaalchisee magaalaa Adaamaatti mari’achaa jira.

Mariin kun har’a dabalatee guyyoota lamaaf kan turu yoo ta’u, hidhattonni duraanii kunniin ajandaawwan isaanii Koomishinii Marii Biyyaallessaatiif kan dabarsan ta’a.

Koomisinarri Muummee Koomishinichaa Piroofeesar Masfin Ar’aayaa waltajjicharratti akka ibsanitti, dargaggoonni nageenyaaf dursa kennuun gaaffilee qaban bifa ajandaatiin qopheessanii gara marii biyyaallessaatti fiduu isaanii dinqisiifataniiru.

Gaaffilee qabatanii gara mariitti dhufuun, rakkooleef waliin furmaata waaraa kennuuf karra bal’aa kan banu ta’uunis ibsaniiru.

Fedhiifi gaaffiin kamiyyuu meeshaa lolaatiin osoo hin taane marii, mari’achuun walii galtee irra kan gahamu ta’uu dargaggoonni hubachuu akka qaban dubbataniiru.

Faayidaa waaraa Itoophiyaa mirkaneessuun kan danda’amu meeshaa hidhatanii gara bosonaa galuun umrii dargaggummaa qisaasessuun osoo hin taane, rakkoolee biyyattii marii fuulleefi fuullee fi marii waliiniin furuun ta’uu isaa kaasaniiru.

Kaayyoon guddaan koomishinichaas gama tokkoof qofaa osoo hin loogin, qaamoleen hundi minjaala tokkotti dhufanii yaada wal jijjiiruun rakkooleef furmaata waaraa fiduufi dhimmoota biyyaallessaa waliinii irratti waliigalteewwan biyyaalessaa uumuuf akka ta’e ibsaniiru.

Gama biraatiin, Gorsaan Dhimma Nageenyaa Preezdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Birgaadeer Jeneraal Hayiluu Gonfaa, ajandaa kamiyyuu karaa nagaatiin wal dhaggeeffachuun furuu danda’uun duudhaa guddaa ta’uu addeessaniiru.

Daandiin nageenyaa hunda keenya mo’ataa gochuun dargaggoonni biyya boruu ijaaruuf ashaaraa isaanii kan irratti kaa’an ta’uus eeruu isaanii ENA’n gabaaseera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply