Itoophiyaan keessummaa bori simattuuf har’a qophaa’uu itti beekti – MM Abiyyi Ahimad

You are currently viewing Itoophiyaan keessummaa bori simattuuf har’a qophaa’uu itti beekti – MM Abiyyi Ahimad

‎AMN PLUS – Waxabajjii 09/2018

Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) Itoophiyaanotni aadaa ganamaa qabaniin keessummaa bori simataniif har’a dursa qophaa’uu jedhan.

Itoophiyaan Yaa’ii Jijjiirama Qabeenya Qilleensaa Idil-Addunyaa (COP32) bara 2027’tti simachuuf qophaa’aa jiraachuu kan kaasan Dooktar Abiyyi biyyattiin yeroo idil addunyaa kana fakkaatu qophheessitu dursitee kan lafa qabsiisuu qabduufi qaama qophiilee gurguddoo keessaa tokkoo sagantaa Ashaaraa Magariisaa ishee cimsuun lakkoofsa waliigalaa biqiltuu dhaabamanii gara Biliyoona 65’tti guddisuuf karoorfachuun hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Ministirri Muummee ergaa kana kan dabarsan sagantaa dhaabbii ashaaraa magariisaa magaalaa Bishooftuutti eegalchiisanittidha.

‎Itoophiyaan hanga ammaatti sochii uummataa qindaa’een biqiltuu Biliyoona 48 dhaabuun milkaa’ina guddaa galmeessuu ishee ibsanii, hojiin kun xiyyeeffannoo Idil-Addunyaa harkisuu isaatiin COP32 yeroo jalqabaaf biyyoota Afrikaa Saharaa gadi keessaa akka simattu carraa uumeef jedhan.

‎Yaa’iichi bara 2027 ji’oota Sadaasaa fi Muddee keessa kan gaggeeffamu yoo ta’u, keessummoonni Idil-Addunyaa Kuma 70-80tti tilmaamaman gara Itoophiyaa akka dhufan eegama.

‎Biyyi biqiltuu Biliyoona 48 hirmaannaafi tumsa uummataatiin dhaabuun milkaa’e addunyaa irratti akka hin jirres eerameera.

‎Ministirri Muummee Dooktar Abiyyi Ahimad waqtii gannaa kana keessa biqiltuuwwan Biliyoona 8 ol akka dhaabamu ibsanii, kanaan lakkoofsi waliigalaa biqiltuu dhaabamanii gara Biliyoona 56’tti akka olka’u ibsaniiru.

‎Milkaa’ina sagantaa Ashaaraa magariisaa kanaafis uummanni Itoophiyaa hundi dhaabbii biqiltuu hojii isaanii guyyaa guyyaa keessaa tokko akka godhatu Ministirri Muummee waamicha dhiyeessaniiru.

Daraartuu Tarreessaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply