Kantiibaa Adaanech Abeebee karoora guyyoota 90 hanga Qaammee 05/2018’tti turu eegalchiisan

You are currently viewing Kantiibaa Adaanech Abeebee karoora guyyoota 90 hanga Qaammee 05/2018’tti turu eegalchiisan

AMN PLUS -Waxabajjii 09 /2018

Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee har’a hoggantoota olaanoo bulchiinsa magaalichaa mara wariin karoora hojii mootummaa fi paartii kan guyyoota 90 irratti mari’achuun gara hojiitti galchuu ibsan.

Aadde Adaanech ergaa toora miidiyaa hawaasaa isaaniin dabarsaniin filannoon booda yeroon gara hojiitti deebi’uun bu’aawwan saffisaan galmeessisuu, waan walitti fufiinsa qabuu fi haaraa ta’an hojiirra oolchuu, gaaffilee hawaasni kaasuuf deebii kennuuf carraaqqii guddaa fi boqonnaa malee raawwachuuf karoora nu dandeessisu qabannee xiyyeeffannoo addaan kan raawwannu taha jechuun hubachiisaniiru.

Karoora hojii mootummaafi paartii guyyoota 90 Waxabajjii 09 hanga Qaammee 05/2018’tti turu keessatti galmoota gurguddoo haala bu’a qabeessa ta’een raawwachuuf qophoofnerra jechuun ergaa isaanii keessatti kaasaniiru.

Kantiibaa Adaanech galmootni gurguddoo karoora guyyoota 90’n qaban kunniin rakkoolee bulchiinsa gaarii yeroo duula filannoo adda bahan hiikuu, hojii kenna tajaajilaa cimsuuf tajaajila giddu gala tokkoo A-Masoob babal’isuu, Qaala’iinsa jireenyaa tasgabbeessuu fi sirna daldalaa to’achuu, carraa hojiifi fayyadamummaa dargaggootaafi dubartootaa mirkaneessuuf hojjechuu, misooma ashaaraa magariisaa, qonna magaalaa fi maaddii guutuu irratti hojjechuu tahuu ibsaniiru.

Kana malees hojiiwwan ijaarsa nageenyaafi sassaabbii galii cimsuu kadhaafi hirkattummaa hir’isuu, sagantaa tola ooltummaa hirmaannaa hawaasaa qindaa’een hojiirra oolchuu, sosochii ‘Itoophiyaan Haa Oomishtuu’ ilaalcha haaraan geggeessuu dabalatee pirojektoota hin xumuramin jiran xumuruun qaama karoora qabame tahus Kantiibaa Adaanech hubachiisaniiru.

Hojiiwwan misooma koridariifi qarqara lagaa jalqabaman bifa qulqullina qabuun daangaa yeroofi baajata qabameef keessatti xumuruunis karoora mootummaafi paartii bulchiinsa magaalichaa keessatti qabamuus Kantiibaa Adaanech ibsaniiru.

Hojiiwwan miidiyaafi hariiroo uummataa cimsuu dabalatee xumura bara baajataa 2018 fi qophii karoora bara baajataa 2019 irratti xiyyeeffannoon hojjechuun, barri baajataa haaraan uummata keenya caalmaatti kan itti tajaajillu, Finfinnee fakkeenya badhaadhinaa taasisuuf imala eegalame kan itti mirkaneessinu akka ta’uuf qophii karooraa irraa kaasee hanga raawwii hojiitti hordoffiifi deeggersa cimaan kan raawwatamu akka tahees Aadde Adaanech ergaa toora miidiyaa hawaasaa isaaniin dabarsaniin hubachiisaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply