AMN PLUS – Waxabajjii 10/2018
Buufanni chaarjessa konkolaataa ammayyaa fi saffisa qabuun, yeroo tokkotti konkolaattota elektirikaa 24 tajaajiluu danda’u Finfinneetti eebbifamuun tajaajilaaf banaa taheera.
Buufanni kun tumsaa Dhaabbata Tajaajila Elektirikaa Itoophiyaa fi Korporeeshinii Misooma Paarkiiwwan Indaastiriin kan ijaarame yoo ta’u, tarsiimoo lakkoofsa konkolaattota elektirikaa babal’isuuf mootummaan qabate milkeessuuf humna guddaa kan qabu ta’uu ibsameera.
Hoji Raawwachiisaa Olaanaan Dhaabbata Tajaajila Elektirikaa Itoophiyaa Injinar Geetuu Garramawu guutuu biyyattiitti buufataalee humna chaarjessa konkolaattota elektirikaa 40 ol ijaaruuf hojii cimaa hojjetamaa akka jiru akeekaniiru.

Hojii buufata humna chaarjessa elektiriikaa ijaaruu kanas Magaalaa Finfinnee qofatti kan daangeffamu osoo hin taane, magaalota garaagaraa biyyattii keessatti tajaajila kana jalqabsiisuuf hojii bal’aan hojjetamaa jiraachuu isaas ibsaniiru.
Oomishaalee biyya keessaa galaniifi alatti ergaman geejjibsisuudhaan dinagdee biyyattii keessatti shoora guddaa kan qabu Koriidarii daandii Itoophiyaa–Jibuutii irratti gama mirgaafi bitaan buufataalee chaarjessa konkolaattota elektirikaa 16 ijaaruuf hojiiwwan dizaayinii hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.
Ministir Deetaan Ministeera Geejjibaafi Loojistikii Obbo Bari’oo Hasan guutuu biyyattiitti walumaagalatti buufataalee chaarjii baatirii saffisaa Kuma 2 fi 230 ijaaruuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Magaalaa Finfinnee keessatti qofa buufataaleen chaarjessa konkolaataa Kuma 1 fi 176 akka barbaachisan ibsuun yeroo ammaa ijaarsi isaanii xumuramee tajaajila kennaa kan jiran buufataalee 200’tti siqan akka ta’an dubbataniiru.
Gabaasni kan Teewudroos Isaahati