AMN PLUS – Waxabajjii 10/2018
Hojiin tola ooltummaa rakkoolee hawaasummaa, dinagdee fi naannoo furuuf gumaacha olaanaa akka qabu Waajjirri Kantiibaa Magaalaa Finfinnee ibse.
Magaalaa Finfinneetti tola ooltummaa yeroo bonaa qindeessuun tola ooltota kanneen akka Abbootii qabeenyaa ,dargaggootaa fi jiraattonni magaalaa hundi humna isaanii, maallaqa isaanii, yeroo isaanii fi beekumsa isaanii akka gumaachan taasisuun sagantaa qindaa’adhan tajaajila namoomaa garaagaraa kennamaa akka tures ibsameera.
Gaarummaan rakkoon uumamaan ykn nam-tolcheen dhufan akkasumas, qormaataa fi haalli ulfaataan ilma namaa irratti yoo uumamu rakkoo san dura dhaabbachuun hawaasa dhiphina keesaa kan baasudha.
Namni hundi osoo wal gargaare, wal tumsee akkasumas aadaa tola ooltummaa osoo cimsanii addunyaa kanarratti gaarumman akka dhufu taasisuun darara walirraa fageessuun akka danda’amus eerameera.
Waggoota darban keessatti Finfinneetti sagantaaleen hojii tola ooltummaa akaakuu 15 ol ta’an hirmaannaa hawaasa bal’atiin aadaa taasifamuun dhaqqabamummaa isaa sadarkaa olaanaatti akka guddatu akka ta’es ibsameera.

Hojii tola ooltummaa kanaan hojiiwwan baay’een birrii biliyoona 55.7 baasii itti ta’e hojjetamuufi waggaatti giddu galeessan tola ooltootni Miliyoona 2.6 ol ta’an irratti hirmaachuun kutaalee hawaasaa Miliyoona 9.3 ta’an akka fayyadaman eerameera.
Haaluma kanaan hojii tola ooltummaa kanaan Finfinneetti manneen Kuma 46 fi 441 ijaaramuun namoota humna hin qabneefi namoota oolmaa biyyaaf gumaacha guddaa qabanif dabarfamuun akka kennames ibsameera.

Sagantaa maaddii qooduu irra deddeebiin taasifameen lammiileen miliyoona 6.1 ta’an kan fayyadaman yoo ta’u, daa’imman warra hin qabne Kuma 2 fi 351 sagantaa tola ooltummaa kanaan fayyadamoo ta’aniiru.
Lammiileen kaffalachuun yaalamuu hin dandeenye Kuma 525 fi 531 tajaajila yaala fayyaa bilisaan sagantaa tola ooltummaa kana kan argatan yoo ta’u, isaan keessaa namoonni Kuma 354 fi 938 dhiiga gumaachaniiru.
Dabalataniis sagantaa tola ooltummaa kanaan barattootni Kuma 632 fi 497 barumsaa gahumsaa fi leenjii akka argatan ta’aniiru.

Finfinneetti sagantaan tola ooltummaa kun duudhaa wal-deeggarsaa guddisuu caalaa lammiilee jireenya gadi aanaa qabaniif siifan jira kan jedhu sagantaa namoomaa kan mul’ise akka ta’es ibsameera.
Hojiin tola ooltummaa xiqqeenya hin qabu, laphee qulqulluu irraa ka’uun hojii gaarii hojjechuuf yeroo hundumaa wal deggaruu fi wal tumsuun kabaja namooma dhugomsuun gootummaa tola ooltotaa magaalattii tahee itti fufu odeeffannoon Waajjira Kantiibaa Magaalaa Finfinneerraa argame ni mul’isa.