AMN PLUS -Waxabajjii 10/2018
Akkuma addunyaa fi aadaa biyya Itoophiyaatti bineeldota mana galan keessaa sareefi adurreen akka waardiyaatti taajajiluun nama waliin jiraatu.
Biyyoota guddatan keessatti bineeldota kanneeniifi kunuunsi guddaan taasifamuun kan waliin jiraatan yoo ta’u Itoophiyaa dabalatee biyyoota guddataa jiran keessatti hordoffii fi kununsa gahaa malee waliin jiraatu.
Biyyoota guddataa jiran keessatti haalli fayyummaa bineeldota kanneenii osoo sirriitti hin ilaalamiin kan waliin jiraatan yoo ta’uu daa’immanis ta’ee maatiin guutuun mana keessaafi iddoo jiraatan keessatti walumaan jiraatu.

Haata’uu malee akka ogeeyyiin fayyaa jedhanitti bineeldota kanneen waliin of eeggannoo barbaachisu taasifameefi akka waliin jiraatamu kan akeekan.
Hospitaala Miniilikitti ispeeshaalistiin dhibee keessoo Dr. Waalaliny Ataalaay turtii AMN waliin taasisanin dhukkuboonni hedduun vaayirasii, fangasii fi ‘paraasaayitiiwwan’ irraa ka’an kan bineeldota irraa gara namaatti daddarban baay’een akka jiran ibsaniiru.
Daa’immanii fi ijoolleen ammoo bineeldota mana keessa galan wajjiin walitti siquun wal tuttuquun taphachuu kan jaalatan yoo ta’u, bineeldota kanneenif talaalliin gahaan yoo hin taasifaminiif carraan dhibeewwan daddabarsuu olaanaa akka ta’es dubbataniiru.

Bineeldota manatti horsiifamuun namootni itti fayyadaman haalan fayyummaan isaanii eegameefi yoo itti hin fayyadamiin foon isaanis ta’ee aannan irraa fayyadaman dhibeef nama saaxiluu akka danda’us ogeeyyiin fayyaa ni gorsu.
Kanneen mana keessatti akka waardiyaatti itti fayyadamuuf guddifamanis yoo kununsiifi hordoffiin akka talaalli taasifamuufi baate gurorriifi cininnaanis ta’ee qeensan ‘maccooruun’ kan nama tuqan yoo ta’e carraan dhibee daddabarsuu akka jiraatu ogeeyiin fayyaa ni himu.
Dr. Waalaliny Ataalaay vaayiraasii dhukkuba saree maraattee akka fakkeenyaatti kan kaasan, rakkoo fayyaa baay’ee hamaa geessisuu akka danda’u ibsaniiru.

Dhukkubni kun yeroo baay’ee saree vaayiraasii kanaan qabamee talaallii hin argatiin irraa gara namaatti akka darbu kan dubbatan Dr. Waalaliny yeroo mallattoon isaa mul’ate booda lubbuu namaa irratti balaa guddaa geessisuu akka danda’us kaasaniiru.
Sareen vaayiraasii kanaan qabamtee nama kamiyyuu kan cinintu waan ta’eef of eegannoon barbaachisaan taasifamuu akka qabu himaniiru.
Akka carraa ta’ees saree kan cinintu yoo ta’e haalli fayyummaa saree sanii yoo hin beekamin rakkisaa waan ta’eef mana yaalatti dafanii ilaalamuunis murteessaa akka ta’e eeraniiru.

Inni biraa sirriitti kan hin baratamiin ciniinnaa adurreetti kan jedhan Dr. Waalaliny, namoota dandeettin dhukkuba ittisuu qaama isaanii gadi aanaa ta’e irratti cininaa fi ‘maccoorran’ adurree dhibee fiduu akka danda’u ibsaniiru.
Dhibeewwan bineeldota mana keessaa irra namatti daddarbu ittisuuf hariiroo bineeldota waliin jiru daangessuufi fayyaa qabeessummaa isaanii mirkaneessuuf talaalliin taasifamuufi akka qabu ogeessi fayyaa kun hubachiisaniiru.
Gabaasa Firehiwoot Birhaanuu, Shuumii Badhaasooti qindeesse