Magaalaa kunuunsi daa’imummaan duraa keessatti dhugoomaa jiruufi egeree daa’immaniif bu’uura kaa’a jirtu – Finfinnee! ‎

AMN PLUS – Waxabajjii 10/2018

‎Guyyaan daa’imman Afrikaa Finfinnee dabalatee Waxabajjii 09/2018 irraa eegalee sirnoota garaagaraan kan kabajamaa jiru yoo tahu kunis daa’imman kunuunsa addaa akka barbaadan xiyyeeffannoo argachiisuufidha.

Afrikaan dameewwan barnootaa, fayyaa fi eegumsa mirga daa’immanii irratti imaammataafi tumsa adda addaa diriirsuun tarkaanfii jajjabeessaa fudhachaa kan jirtu yoo tahu, Finfinneen kana hundaaf fakkeenyaafi ulaagaa kan guutte tahuun warreen keessa beekan dhugaa ba’aa jiru.

Keessattuu, kunuunsaa fi barnootni daa’imman umrii isaanii jalqabaarraa argatan egeree isaanii akka murteessu hubachuun, tajaajila barnoota idileen duraa babal’isuuf akkasumas nyaata madaalawaa mirkaneessuuf hojiiwwan tarsiimoo adda addaa kutannoodhaan hojjetamaa jiru.

‎Kunis Guyyaa Daa’imman Afrikaa hiika qabatamaafi jijjiirama mul’atuun yaadachuuf milkaa’ina guddaa kan ta’eedha.

‎Hojiiwwan kun caalmaatti kan mul’atu magaalaa Finfinneetti yoo tahu magaalattiin kaayyoo magaalaa daa’immaniif mijattuu uumuun sagantaa “kunuunsa daa’immummaa duraa” jedhu xiyyeeffannoo addaan hojiirra oolchaa jirti.

‎Sagantaan kun daa’imman yeroo dhalatan irraa kaasee hanga waggaa jahaa gidduutti argaman irratti xiyyeeffachuun, guddina isaanii damee fayyaa, sammuu, qaamaa fi beekumsaan ga’oomsuu irratti hojii bal’aa hojjechaa jira.

Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee daa’imman giddu galeessa godhachuun hojiiwwan hedduu hojjeteera.

Hojiiwwan kun ragaa qabatamaa irratti hundaa’anii jiraattotaaf bu’aa guddaa fidaniiru.

‎Waggoota muraasa darban keessatti, giddu galoonni ammayyaa, paarkiiwwan tapha daa’immanii fi manneen barnootaa tajaajila barnoota idileen duraa kennaniin hedduun ijaaramanii tajaajilaaf banaa ta’aniiru.

‎Kana malees, sagantaan nyaata barattootaaf dhiyeessuu manneen barnootaa keessatti guyyaa guyyaadhaan kennamu barattoota Miliyoonaan lakkaa’aman fayyadamoo taasisee jira.

‎Sagantaan kun ba’aa diinagdee maatii hir’isuu qofa osoo hin taane, sirna nyaataa daa’immanii fooyyessuun barnoota isaaniitti akka ciman taasisaa jira.

Guyyaan Daa’imman Afrikaa baranaa yeroo kabajamamaa jirutti, Finfinneen hojiilee milkaa’ina qaban jalqabde kana caalmaatti cimsuu fi bal’isuudhaan, daa’imman beekumsa qabaniifi fayyaalessa horachuun egeree Itoophiyaa akka ijaaran ashaaraa ishee keewwachaa jirti.

‎Magaalaa daa’immaniif mijattuu taasisuun ga’ee mootummaa qofa osoo hin taane, hojii waloo maatii daa’immanii, dhaabbilee siviliifi miidiyaa akkasumas qaamolee qooda fudhattoota hunda kan barbaadudha.

‎Kanaaf ammoo hojiin amma Finfinnee jiraattotaaf mijattuu taasisuu eegalame itti fufee mirga daa’immaniifis wabii dhaabbattu uumuuf hunduu ga’ee akka qabu hubachuun dirqama hawaasummaa tahuu akka qabu yeroo garaagaraatti ergaan darbaa jira.

Daraartuu Tarreessaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply