Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee hirmaannaan dargaggootaa misooma keessatti ba’ee mul’achuu qaba jedhan

You are currently viewing Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee hirmaannaan dargaggootaa misooma keessatti ba’ee mul’achuu qaba jedhan

AMN PLUS –Waxabajjii 10/2018

Dargaggoonni humna guddaa misooma magaalaa waan ta’aniif carraa hojii bal’inaan uumuun dargaggoota hirmaachisuun murteessaa akka ta’e Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee ibsan.

Dargaggootaf xiyyeeffannaan sirriitti kennamuuf qaba kan jedhan Kantiibaa Adaanech Abeebee, hirmaannaan dargaggootaa sochii magaalaa keessatti dabaluu akka qabu ibsaniiru.

Hirmannaa dargaggoonni magaalaa keessatti qaban dabaluuf, sochii misoomaa magaalattiin taasistu hunda keessatti akka hirmaatan taasisuun akka barbaachiisus himaniiru.

Haaluma kanaan sochii ispoortii, carraa hojii uumuu fi kanneen biroo keessatti dargaggoonni akka hirmaatan taasisuun hojii duraati jedhaniiru Kantiibaa Adaanech Abeebee.

Keessattu gama carraa hojiitiin karoorri guddaan jiraachuu kan ibsan Kantiibaa Adaanech Abeebee, misooma qonnaa, indaastirii, hojii tola ooltummaa gannaatiin hojiileen ijaarsaa baay’een jiraachuun dargaggoota hedduu kan hirmaachisu ta’uu eeraniiru.

Carraa hojii babal’isuuf karoorri guddaan jiraachuu kan ibsan yoo ta’uu, garuu dargaggoota akkamii hirmaachisuun akka barbaachisuu Biiroon Dargaggoofi Ispoortii akkasumas Biiroon Hojiifi Ogummaa Magaalattii irratti hojjechuu akka qaban himaniiru.

Kutaaleen Bulchiinsa Magaalaas iddoo hojii qopheessuurraa eegalee hanga carraawwan qe’ee isaanii jiru hundaa addaa baasuun hirmaannaan dargaggoota sirritti akka dabaluu taasisuun mirkaneessuutti deemuu akka qaban Kantiibaa Adaanech Abeebee hubachiisaniiru.

Shuumii Badhaasootiin qindaa’e

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply