
AMN PLUS- Waxabajjii 16/2018
Ministirri Muummee Maaleezhiyaa Aniwaar Ibraahim Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) fi Paartiin Badhaadhinaa Filannoo Waliigalaa 7ffaa injifachuu isaaniin ergaa baga gammaddanii dabarsan.
Mr. Ibraahim ergaa isaaniin “Bara darbe yeroo gara Finfinnee dhufe, simannaan ho’aan naaf taasifamee fi mariin keenya bu’a qabeessi ta’ee na ajaa’ibsiise. Ani fi MM Abiyyi addunyaa ilaalchisee yaada wal fakkaataa akka qabnu hubanneerra” jedhan.
Biyyoonni Kibba Addunyaa (Global South) walqixxummaan yoo waliin hojjetan bu’aa guddaa argachuu akka danda’anis amanneerra jechuun bu’aa daawwannaa isaanii ibsaniiru.
Maleezhiyaan Afrikaa waliin hariiroo ishee cimsuu keessatti Itoophiyaan iddoo guddaa qabdi jedhaniiru.
“Waan hedduu bara darbe waliin jalqabne qabna” kan jedhan Aniwaar Ibraahim; anis hojiiwwan sana waliin taanee itti fufuuf hawwii guddaan qaba jedhaniiru.
Tagany Bafiqaaduutiin Qindaa’e