
AMN PLUS – Waxabajjii 16/2018
Filannoo Waliigalaa 7ffaa Caamsaa 24, 2018 gaggeeffame irratti paartilee siyaasaa dorgoman 42 keessaa paartileen 17 teessoo Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa argataniiru.
Akka bu’aa waliigalaa Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa ifoomseetti, paartilee siyaasaa 17 kana dabalatee, kaadhimamtoonni dhuunfaa 8 illee teessoo Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa injifataniiru.
Paartilee siyaasaa teessoo Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa argatan:
Paartii Badhaadhinaa – Teessoo 438
Paartii Lammiilee Itoophiyaa Haqa Hawaasummaaf (EZEMA) – Teessoo 13
Sochii Biyyaalessaa Amaaraa – Teessoo 6
Waltajjii Tokkummaa Federaalawaa fi Dimookiraatawaa Itoophiyaa – Teessoo 3
Sochii Humna Dimookiraatawaa Amaaraa – Teessoo 3
Paartii Bilisummaa fi Walqixxummaa – Teessoo 3
Tumsa Tokkummaa Itoophiyaaf – Teessoo 2
Adda Bilisummaa Biyyaalessaa Ogaadeen – Teessoo 1
Paartii Federaalistii Somaalee – Teessoo 1
Paartii Gamtaa Dimookiraasii fi Bilisummaa – Teessoo 1
Sochii Dimookiraatawaa Ummata Gumuz – Teessoo 1
Tokkummaa Argoobbaa Jabeertii – Teessoo 1
Paartii Ummata Afaar – Teessoo 1
Paartii Dhaloota Haaraa – Teessoo 1
Gamtaa Nageenya Itoophiyaaf – Teessoo 1
Adda Dimookiraatawaa Ummata Wolaayittaa – Teessoo 1
Dhaabbata Dimookiraatawaa Ummata Geedewoo – Teessoo 1
Kaadhimamtoota dhuunfaa teessoo Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa argatan:
Barakat Maarqoos Diriiloo
Abbabaa Gammachuu Leencaa
Qajeelaa Mardaasaa Tulluu
Ustaaz Kaamiil Shamsuu Siraaj
Mallasee Ijaaraa Damee
Araarsoo Biqilaa Elemoo
Diimaa Noggoo Sarboo (Dr.)
Masfin Iltaamoo Ichaa.