AMN PLUS- Waxabajjii 16/2018
Kantiibaa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen Mandara Gaarummaatti manneen jireenyaa dullooman gamoowwan 8’n jijjiiruuf hojii eegalchiisan.
Aadde Adaanech miidiyaa hawaasummaa isaaniin ergaa dabarsaniin, ummata nu filate kan galateeffannu jechootan qofa osoo hin taane rakkoo isaaniif furmaata qabatamaafi hojii irra oolu kennuudhaani jedhaniiru.

Kanaanis amantaa uummanni nutti kenneen Itoophiyaa hogganuuf, waggoottan shan dabalataan Paartii Badhaadhinaaf kenname ganama tajaajila tola ooltummaan manneen jireenyaa mijatoo hin taane fi naannawicha gara mandara qulqulluutti jijjiiruuf manneen Waajjira Kantiibaa duubatti argaman ‘Qe’ee Gaarummaa Aradaa ’ ijaarsa eegalchiifnerra jedhan.
Tajaajila tola ooltummaa gannaan manneen kuma 2 fi 500 ijaaruuf karoorfamuu ibsuun, kan har’a ijaarsi isaa eegalame kunis Gamoo abbaa darbii 9 saddeetiifi fi giddugala gabaa abbaa darbii 4 ta’uu eeraniiru.

Tajaajila tola ooltummaa gannaan manneen ijaaruun dabalata naannawaa qulqulleessuu, bo’oowwan ittisa lolaa ijaaruu,Maaddii qooduu, dhiiga arjomuu, Biqiltuuwwan dhaabuu fi barnootaa fi tajaajila fayyaa bilisa kennuu kan of keessa qabu ta’uu akeekaniiru.
Kantiibaa Adaanech Abeebeen Qe’ee Gaarummaa Aradaa ijaaruuf kanneen waadaa galaniifi akkasumas waloon ijaaruuf fedhii agarsiisan, abbootii qabeenyaa fi jiraattoota magaalichaa galateeffataniiru.