Izeemaan teessoo 86 argachuun sadarkaa biyyaatti paartii morkataa adda duree ta’ee xumuruusaa beeksise

You are currently viewing Izeemaan teessoo 86 argachuun sadarkaa biyyaatti paartii morkataa adda duree ta’ee xumuruusaa beeksise

AMN PLUS- Waxabajjii 16/2018

Paartii Lammiileen Itoophiyaa Haqa Hawaasummaa (Izeemaan) teessoo 86 argachuun sadarkaa biyyaatti paartii morkataa adda duree ta’ee xumuruusaa beeksise.

Bu’aan Filannoo Biyyaalessaa bara 2018 ifa ta’uu hordofee ibsi paartii Izeemaa irraa kenname!

Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa kaleessa bu’aa filannoo Waliigalaa 7ffaa bara 2018 ifatti beeksisuun filannoon xumuramuu isaa mirkaneesseera.

Filannoon kun hanqinoota muraasa qabaatus nagaan xumuramuunsaa paartiin keenya gammachuu guddaa akka itti dhaga’amu ibseera.

Kana malees, paartiin keenya naannolee keessatti dorgommii taasiseen teessoo Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa 13 fi teessoo manneen maree naannoo fi magaalaa 73 walumaagalatti teessoo 86 argachuun sadarkaa biyyaatti paartii morkataa adda duraa ta’ee xumureera.

Milkaa’ina kana galmeessisaniif kaadhimamtoota, miseensota, deggertootaa fi qaamolee adeemsa keessatti amanamummaan hirmaatan hundaaf baga gammaddan jechuun paartichi ibseera.

Paartiin keenya filannoo itti aanu dura waggoota jiran keessatti cimina isaa caalaatti cimsuun, hanqinoota turan immoo tarsiimoo fi hojii barbaachisoo ta’aniin guutuun gahee paartii morkataa cimaa ta’ee taphachuu har’a irraa eegalee ittifufa.

Akkasumas akkuma kanaan dura taasisaa ture, dhimmoonni mootummaa fi faayidaa biyyaalessaa galmaan ga’an irratti humnoota Itoophiyaa hunda waliin ta’uun hojjechuuf qophaa’uu isaa ibseera.

Garaagarummaa fi qeeqa keenya karaa kabajaa fi sirna dimokraatawaatiin dhiyeessuun aadaa siyaasaa fayyaalessa fi ammayyaa ijaaruu jalqabne cimsinee itti fufna; milkaa’ina dabalataafis cimnee ni hojjenna jechuun waadaa galleera.

Dhuma irrattis, paartii mootummaa ta’ee itti fufuuf filatame Paartii Badhaadhinaa fi morkattoota filannoo irratti hirmaachuun bakka bu’ummaa uummataa argatan hundaaf baga gammaddan jechuun ibsameera.

Paartiin injifate mootummaa irraa eegalee dhaabbilee dimokraasii ijaaruu, haala siyaasaa haqa qabeessa ta’e hundaaf walqixa taasisuu, yaadota filannoo garaagaraa dhaggeeffachuu fi qeeqota gara bal’ina qabuun simachuun dimokraasii biyyattiin barbaaddu waliin ijaaruuf akka hojjetu waamicha dhiyeessina jedheera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply