Filannoon kun ummanni nageenyaaf jedhee gatii qaalii kaffalee kan itti injifate, yeroo murteessaa seenaa keessatti galmaa’e dha – Sosochii Biyyaalessaa Amaaraa

You are currently viewing Filannoon kun ummanni nageenyaaf jedhee gatii qaalii kaffalee kan itti injifate, yeroo murteessaa seenaa keessatti galmaa’e dha – Sosochii Biyyaalessaa Amaaraa

AMN PLUS- Waxabajjii 15/2018

Paartiin Sosochii Biyyaalessa Amaaraa filannoon waliigalaa 7ffaan ummanni keenya nageenyaaf jedhee gatii qaalii kaffalee kan itti injifate, yeroo seenaa murteessaa ta’e jechuun ibse.

Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa bu’aa filannoo waliigalaa 7ffaa kaleessa ifa taasisuun ni yadatama.

Kana hordofuun paartileen siyaasaa garaagaraa adeemsa filannichaa milkaa’ina isaa ibsaa, bu’aa filannoo sana gammachuudhaan fudhachuu isaanii fi paartii sagalee caalmaa argatee injifateef ergaa baga gammaddanii dabarsaa jiru.

Paartiin SBA ibsa baaseen, filannoon waliigalaa 7ffaan ummanni keenya nageenyaaf jedhee gatii qaalii kaffalee itti injifate, yeroo murteessaa seenaa ta’e jechuun ibseera.

Filannoon waliigalaa 7ffaan ummanni keenya boqonnaa siyaasaa fi hawaas-dinagdee fooyya’aa ta’etti ce’uuf kutannoo qabu kan agarsiise ta’uu ibseera.

Milkaa’inni galmaa’e kun bu’aa ilaalcha fagoo hawaasa keenyaa waan ta’eef, akka yeroo murteessaa seenaatti ilaalamuu qaba jedheera.

Filannoon kun ummanni keenya qormaatawwan dandamatee murtoo seenaa keessatti yaadatamu kan kenne, nageenyaa fi guddina waaraa fiduuf aadaan siyaasaa gaarii akka injifatu taasise, gama biraanis duudhaalee siyaasaa sagalee jibbaa fi hammeenya faallessu mo’achuu kan dandeessise, akkasumas nageenyaaf jedhee gatii kaffaluuf kutannoon itti mul’ate ta’uu ibseera.

“Ummata mo’uun hin danda’amu; injifannoon kun kan ummata nageenya jaallatuuti,” jechuun ibseera.

Filannoon kun diinota Itoophiyaa alaa abdii kan kutachiise ta’uu isaas Paartichi ibseera.

Diyaaspooraan hojii misoomaa fi sochii nageenyaa akka deeggaru, akkasumas ajandaawwan tasgabbii biyyaafi faayidaa biyyaalessaa hin qabne irraa akka of qusatu waamicha dhiyeesseera.

Dhuma irrattis, filannoo waliigalaa 7ffaa keessatti sagalee caalmaa kan argate Paartii Badhaadhinaan baga gammaddan jechuun ergaa dabarseera.

Yeroon dhufu kun biyya keenya gara boqonnaa haaraa fi fooyya’aatti yeroo ceesisnu akka ta’u hawwina jechuun ibseera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply