Paartiin Badhaadhinaa Filannoo Waliigalaa 7ffaa teessoo Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa 438 injifate

AMN PLUS- Waxabajjii 16/2018

Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa bu’aa waliigalaa Filannoo Waliigalaa 7ffaa Caamsaa 24 gaggeeffame ifa taasiseera.

Itti Aanaan Walitti Qabaa Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa Obbo Tasfaayee Nawaay bu’aawwan boordiin hoggansaa mirkaneessee fi raggaasise ifatti beeksisaniiru.

Haaluma kanaan Paartiin Badhaadhinaa teessoo Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa 438 injifateera.

Paartiin Lammiilee Itoophiyaa Haqa Hawaasaaf (EZEMA) hirmaannaa naannolee garaagaraatti taasiseen walumaagalatti teessoo paarlaamaa 13 argachuu danda’eera.

Haaluma walfakkaatuun Sochiin Biyyaalessaa Amaaraa (Abin) dorgommii Naannoo Amaaraatti taasiseen teessoo Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa 6 injifateera.

Madarakiin Naannoo Sidaamaatti teessoo paarlaamaa 3 argateera; paartileen biroonis mootummaa naannolee garaagaraatti mootummaa bakka bu’oota isaanii keessaa teessoo paarlaamaa argataniiru.

Dorgomtoonni dhuunfaa teessoo paarlaamaa argatanis jiraachuu isaanii saganticharratti ibsameera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply