Finfinnee magaalaa hawaasni qaroome keessa jiraatu taasisuuf gaheen kabachiisa Dambii fi Miidiyaa guddaadha- Obbo Salamoon Dibaabaa

You are currently viewing Finfinnee magaalaa hawaasni qaroome keessa jiraatu taasisuuf gaheen kabachiisa Dambii fi Miidiyaa guddaadha- Obbo Salamoon Dibaabaa

AMN PLUS- Waxabajjii 16/2018

Addis Miidiyaa Neetwoorkiifi Abbaan Taayitaa Kabachiisa Dambii Magaalaa Finfinnee qaroominaa fi aadaa seeraa kabajuu sirritti guddisuuf waliin hojjechuuf waliigaltee hojii waliif mallatteessan.

Waliigalticha Hojii Raawwachiisaa Olaanaa Addis Miidiyaa Neetwoork Obbo Salamoon Dibaabaa fi Hojii Geggeessaa Abbaa Taayitaa Kabachiisa Dambii Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Kumaalaa Zarihuun Tafarraa mallatteessaniiru.

Addis Miidiyaa Neetwoorkiifi Abbaa Taayitaa Kabachiisa Dambii kanaan duras sagantaalee barnootaa, diraamaa fi qophiiwwan bashannanaa garaagaraatiin hubannoo hawaasaa guddisuuf bal’inaan hojjechaa turuu isaanii Obbo Salamoon Dibaabaa ibsaniiru.

Finfinneen wiirtuu dippilomaasii addunyaa sadaffaa ta’uu kan kaasan Obbo Salamoon, magaalaa kanneen akka Jeneevaa fi Niwuu Yoorkii kan hawaasni qaroome keessa jiraatu taasisuuf gaheen kabachiisa Dambii guddaa akka ta’es eeraniiru.

Dabalataanis bu’uuraaleen misoomaa koriidarii magaalaa keessatti hojjetaman sirnaan fayyadamuu, ijaarsawwan seeran alaa dhabamsiisuun jijjiirama ilaalchaa kan fide yoo ta’u miidiyaanis teeknooloojii ammayyaa fi humna namaa gahumsa qabu fayyadamuun hawaasa qaroome, seeraa fi dambii kabaju ijaaruuf halkaniifi guyyaa tumsan cimee hojjechuu akka itti fufuus akeekaniiru.

Hojii Gaggeessaan Abbaa Taayitaa Kabachiisa Dambii Magaalaa Finfinnee Kumaalaa Zarihuun Tafarraaa gama isaaniitiin mul’ata Abbaa Taayitichaa magaalaa hawaasni dambii hin cabsine, jiraattota isheef mijooftu taatee fi Afrikaaf fakkeenya taate ijaaruuf miidiyaan humna guddaa akka qabu himaniiru.

Keessattuu, Addis Miidiyaa Neetwoork waliin qindoomuun hojiilee hojjetameen tarkaanfiiwwan barsiisoo ta’an ummata biraan gahamaa akka tures Kumaalaa Zarihuun Tafarraaa ibsaniiru.

Dambii cabsuun yeroo walfakkaataa waggaa darbe waliin yoo madaalamu %83n hir’achuu isaa kan ibsan Hojii Raawwachiisan Abbaa Taayitichaa bu’aan kun hojii Abbaa Taayitichaa qofa osoo hin taane hojii miidiyaatiin illee akka argame ifoomsaniiru.

Jijjiirama misooma koriidarii fi Dambii kabajuu Magaalaa Finfinneetti mul’ate kana itti fufsiisuuf waliigalteen mallatteeffame kuni gumaacha guddaa akka qabus ibsameera.

Gabaasni Kan Mikaa’el Hiruuyi

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply