Ameerikaan hoggantoota duraanii TPLF irra dhorkaa Viizaa kaa’uun garichi hojii badii raawwatu hatattamaan akka dhaabu ergaa dabarsa – Aadde Almaaz Gabratsaadiq

You are currently viewing Ameerikaan hoggantoota duraanii TPLF irra dhorkaa Viizaa kaa’uun garichi hojii badii raawwatu hatattamaan akka dhaabu ergaa dabarsa – Aadde Almaaz Gabratsaadiq

AMN PLUS – Waxabajjii 16/2018

Ameerikaan hoggantoota duraanii TPLF fi maatii isaaniirratti dhorkaa Viizaa kaa’uun garichi hojiiwwan seeraan alaa fi badii raawwatu akka hatattamaan dhaabuuf ergaa guddaa kan dabarsuufi murtoo cimaa tahuu Itti Gaafatamtuun Waajjira Paartii Simireet Aadde Almaaz Gabratsaadiq ibsan.

Aadde Almaaz Gabratsaadiq hoggansi duraanii bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay fi Itti Gaafatamtuun Waajjira Paartii Simireet, dhorkaa Viizaa dhiheenya kana kaa’ame fi haala yeroo ammaa naannoo Tigraay irratti xiyyeeffachuun yaada bal’aa kennaaniiru.

Aadde Almaaz akka ibsanitti Ameerikaan hoggantoota duraanii garee TPLF fi maatii isaanii irra dhorkaa viizaa kaa’uun, gareen kun hojiiwwan seeraan alaa fi jeequmsaa raawwatu akka hatattamaan dhaabuuf ergaa guddaa dabarseera jedhan.

Murtichi gareen kun dhaabbatee akka of ilaalu, akkasumas waliigalteen nageenyaa Piritooriyaa guutummaatti hojii irra akka oolu gahee guddaa qaba jedhaniiru.

Gareen duraanii TPLF qophii waraanaarratti argama jiran kan jedhan Aadde Almaaz, naannoo Tigraayitti dargaggoota lakkoofsaan hedduu tahan humnaan gara garichaatti dabalaa jiraachuus ibsaniiru.

Dargaggoonnis gochaa TPLF humnaan dargaggoota adamsuun gara waraanatti geessuu jalaa baqachuun Finfinnee fi kutaalee biyyatti biroo keessatti godaanaa akka jiranis ibsaniiru.

Humnoonni farra nageenyaa humnoota alaa wajjiin qindoomuun Itoophiyaa dadhaabsiisuuf socha’aa akka jiran kan ibsan Itti Gaafatamtuun Waajjira Paartii Simireet, baandaa fi alagaan qindoomuun waraana haaraa banuuf qophaa’aa akka jiran ibsaniiru.

Kaayyoon qindoomina diinootaa kunis Itoophiyaa nageenyaa dhoowwuun dirree jeequmsaa keessaa akka tutu taasiisuuf akka ta’ees hubachiisaniiru.

Gareen finxaaleessaa TPLF duraanii Shaabiyaa wajjiin tumsa uumuun ajandaa jeequmsaa kanaaf ergamtuu fi meeshaa ta’uun tajaajila akka jiranis eeraniiru.

Dargaggoonni naannoo Tigraayis garee diinaa alaa waliin qindaa’uun biyya dirree jeequmsaa taasiisuuf akkasumas, dargagoota humnaan qabuun seeran alaa leenjisan diduun jalaa baqachaa akka jiranis ibsuu isaanii ENA gabaase.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply