MM Abiyyi Ahimad yaa’ii biyyaalessaa “Itoophiyaan ni Raawwatti” jedhu irratti hirmaatan

You are currently viewing MM Abiyyi Ahimad yaa’ii biyyaalessaa “Itoophiyaan ni Raawwatti” jedhu irratti hirmaatan

AMN PLUS- Waxabajjii 16/2018

Waltajjii Biyyaalessaa”Itoophiyaan ni Raawwatti” jedhuun gaggeeffame irratti argamuun koon kabaja guddaa natti dhagaʼama jedhan Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD)

Mata duree “Jijjiirama irraa gara ce’umsa waaraa” jedhuun kan gaggeeffamaa jiru waltajjii kana irratti, karaa sadarkaan irra deemaa turre fi bakka har’a geenye deebi’ee akkan ilaalu na taasiseera.

Biyyattiin humna ofii isheetiin Hidha Haaromsa Guddicha Itoophiyaa ijaaruun, hojiiwwan misoomaa gurguddoo kanaan dura hin yaalamne raawwachuun yeroo hunda gara sadarkaa olaanaatti ce’aa jirtaachuu himan.

Kun hundi injifannoowwan akka tasaa argaman osoo hin taane, mootummaa miira ida’amuu irratti hundaa’uun ta’uu ibsan.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply