
AMN PLUS – Waxabajjii 16/2018
Komishiniin Filannoo Sudaan Kibbaa erga biyyattiin bara 2011tti bilisummaa argattee booda, filannoo waliigalaa ishee isa jalqabaa Muddee 22/2026 akka gaggeeffamu murteesseera.
Filannoon waliigalaa kun sababa waraana deddeebi’ee ka’uutiin yeroo garagaraatti dabarfamaa ture.
Pireezidanti Saalvaa Kiir fi hogganaa mormitootaa Riyeek Maachaar gidduu lola siyaasaa yeroo dheeraa tureen Maachaar bara darbe himannaan biyya ganuu irratti banamee booda itti-anaa pireezidantii irraa kaafamanii turan.
Komishiniin Filannoo Biyaalessaa qophiin filannichaaf godhamu hojiirra jiraachuu yoo ibsu, mormitoonni fi taajjabdoonni tokko tokko dhimmoota seeraa fi gufannoowwan loojistikii irratti xiyyeeffatu kaasaa jiru.
Paartiin Riyeek Maachaar kan ‘Sudan People’s Liberation Movement-in-Opposition’ ykn SPLM-IO jedhamuun beekamu, wal-dhabdeen bulchiinsa Kiir waliin jiru ammas waan hin furamneef, filannoo gaggeessuuf ariifachuun dhimma balaa fidu akka ta’e dubbateera.
Saalvaa Kiir filannoo Muddee keessa gaggeeffamu irratti kaadhimamaa pireezidantii ni ta’u jedhamee kan eegamu yoo ta’u, himannaa yakkaa jala kan jiran Maachaar dorgomuuf akka hayyamamuufi dhiisu ammallee ifa akka hin taane APn gabaaseera.