Pirojektiin manneen jireenyaa “Qixal Taraa” ji’oota lama dura jalqabne saffisa dinqisiisaa ta’een ijaaramaa jira- Kantiibaa Adaanech Abeebee

You are currently viewing Pirojektiin manneen jireenyaa “Qixal Taraa” ji’oota lama dura jalqabne saffisa dinqisiisaa ta’een ijaaramaa jira- Kantiibaa Adaanech Abeebee

AMN PLUS- Waxabajjii 16/2018

Kutaa Magaalaa Addis Katamaa keessatti pirojektiin ijaarsa manneen jireenyaa “Qixal Taraa” ji’oota lama dura jalqabne saffisa dinqisiisaa ta’een hojjetamaa jira jedhan Kantibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee.

Aadde Adaanech har’a adeemsa ijaarsa manneen kanaa gamaggamaniiru.

Gamaggama kanaanis, ijaarsi gamoo ji’oota lama dura jalqabame sadarkaa darbii 9ffaa irra ga’uu isaa hubanneerra jedhan.

Akkasumas, gamoon ji’a kana qulqulleessuu iddoo waliin walqabatee duubatti hafanii eegalaman darbii 4ffaa fi 5ffaa irra ga’uu ibsan.

Gamoon sadii torban lama dura adeemsa isaanii ilaallee itti daballee jalqabsiifne hojii gaarii keessatti argamu jedhaniiru.

Pirojektoota kana keessatti manneen jireenyaa qofa osoo hin taane, bakkeewwan daldalaa, manneen barnootaa fi dhaabbilee fayyaa, iddoo ispoortii, lafa taphannaa daa’immanii fi tajaajiloota hawaasummaa biroo akkasumas tajaajiloota uummataa waliinii ta’an xiyyeeffannoo walqixa argachuu ibsan.

“Kanaafis, kan ijaarru manneen jireenyaa qofa miti; naannoo mijataa fi qulqulluu kan daa’imman itti guddatan, dargaggoonni dandeettii isaanii qaamaa fi sammuu itti gabbifatan, lammiileen tajaajila isaanii dhiyeenyaan itti argatan fi kabaja isaanii eegsisu ijaaraa jirra” jedhaniiru.

Walumaagalatti, Mandara Jireenyaa Qixal Taraa kana, Mandara Gadaam kan kaleessa jalqabne fi Mandara Xaaliyaanii giddugaleessa keessatti argamu waliin walitti hidhuun misoomsinee, naannoo jireenya ammayyaa fi carraa hojii bal’aa uumu taasisna jedhan.

“Yeroo filannoo keessa jirruttis, ijaarsi pirojektootaa osoo hin dhaabatin itti fufuun keenya, haala kamiyyuu keessatti jiraattota keenya amanamummaadhaan tajaajiluuf kutannoon qabnu cimaa ta’uu isaa agarsiisa” jechuun ibsan.

Hoggantoota, hojjettoota, hawaasa kontiraaktaroota fi qaamolee mootummaa fi dhuunfaa hunda, gamoolee kana qulqullinaa fi saffisaan ijaaranii yeroo qabame keessatti akka xumuraman hojjechaa jiran galateeffataniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply