Murtoon Seeneetii Ameerikaan fudhatame Doonaald Traamp mufachiise

AMN PLUS -Waxabajjii 17/2018

Pirezidaanti Doonaaldi Tiraampi tarkaanfii waraanaa fudhachuun dura eeyyama Kongireesii irraa argachuu akka qaban Seeneetiin Ameerikaa murtoo dabarsuu miidiyaaleen gabaasan.

Murtoon kun mana maree Kongireesii lameeniin ragga’ullee, akka wixinee seeraatti yaa fayyadu malee gara pirezidaanti Tiraampitti ergamuun hojiirra ooluuf akka humna hin qabnee eerameera.

Miseensonni Ripaabilikaanii muraasni Paartii Dimookiraatota waliin ta’uun murtoo kana kan deeggaran yoo ta’u murtoon kanaan duras Mana Maree Bakka Bu’oota Uummata Ameerikaatiin ragga’ee akka ture ibsameera.

Murtoon kunis shakkii miseensotni Kongireesii Paartii Ripaabilikaanii karoora nageenya buusuu Tiraampi irratti qabanii fi waraana fedhii uummata Ameerikaa malee ji’oota shanitti siqaniif adeemnsifameerra ka’uun akka labsames kaafameera.

Doonaaldi Tiraampi gama isaatiin murtoon kun yeroo maleefi hiika hin qabu jechuun qeeqaniiru.

Yeroo Iraan kufudhaaf qophoofte jirtuu fi Ameerikaan injifannoo argachaa jirtutti yeroo isaa malee Manni Maree Seeneetii Ameerikaa murtoo sirrii hin taanee fi hiika hin qabne ejjennoo waraana Ameerikaa irratti murteessuun fudhatama akka hin qabne ibsuu isaanii Tiraampi toora miidiyaa hawaasaa isaanii “Truth Social” irratti barreessaniiru.

Tiraampi itti dabaludhaan “miseesonni seeneetii hojiin kiyyaa caalmaatti akka ulfaatu taasisaniiru, garuu karaa ta’eeniyyuu nan raawwadha, sababiin isaas yeroo hunda waanan yaade nan milkeessa” jechuu isaanii BBC’n gabaasera.

Shuumii Badhaasootiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply