Sulxaaneetiin Affaar Ministira Muummee Abiyyi Ahimad (PhD)’f ergaa baga gammaddanii dabarse

You are currently viewing Sulxaaneetiin Affaar Ministira Muummee Abiyyi Ahimad (PhD)’f ergaa baga gammaddanii dabarse

AMN PLUS -Waxabajjii 17/2018

Sulxaaneetiin Affaar Ahimad Alii Miiraahin Ministira Muummee Dooktar Abiyyi Ahimadii fi Paartii Badhaadhinaaf ergaa baga gammaddanii dabarseera.

Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiyyi Ahimadii fi Paartiin Badhaadhinaa filannoo waliigalaa marsaa 7ffaa injifachuu hordofee Sulxaaneetiin Affaar ergaa baga gammaddanii dabarseera.

Pirezidaantiin Paartichaa fi Ministirri Muummee Dooktar Abiyyi Ahimad waggoottan darban keessaa hojiilee siyaasa-diinagdee guddina olaanaa galmeessan raawwachuu Sultaaneetiin Affaar ergaa isaatiin ibseera.

Jijjiiramni argame misoomaa fi badhaadhina hunda galeessa, akkasuma tokkummaa biyyaalessaa cimsuurratti kan xiyyeeffate ta’uu Sulxaaneetichi eerera.

Uummatni Itoophiyaa ciminaa fi hirmaannaa cichoomina qabu filannoo waliigalaa marsaa 7ffaarratti mul’isees dinqisiifateera.

Kanaanis paartii biyyaaf ta’u filachuuf naamusa guddaa agarsiise galateeffateera.

Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiyyi Ahimad adeemsa jijjiirama hunda galeessaa eegalan caalmaatti akka cimsan amantaa qabaachuu Sulxaaneetichi ibsuun badhaadhina hunda galeessa Itoophiyaa mirkaneessuuf tumsa barbaachisu kan taasisu ta’uus hubachiiseera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply