AMN PLUS -Waxabajjii 17/2018
Sababa waraana Ameerikaa, Israa’eliifi Iraan gidduutti uumameen, dooniiwwan ji’oota hedduuf ulaa Hoormuuz keessa ba’uuf cufaa waan tureef dhaabbatanii turan keessaa tokko kan taate dooniin Dhaabbata Geejjibaa Galaanaarraafi Loojistiskii Itoophiyaa MV Gibee jedhamtu fe’umsa ishee waliin nagaan gara buufata doonii Jibuutiitti imalaa akka jirtu ibsameera.
MV Gibeen mallattoo kabajaa uummata Itoophiyaa ta’uun iddoowwan buufataalee doonii idil-addunyaa 347 keessa alaabaa Itoophiyaa ol kaasuun mirmisuun agarsiiste keessaa ishee tokko.
Yeroo ammaa MV Gibeen naannoo Galoo galaana Oomaaniitti (Gulf of Oman) keessatti kan argamtu yoo tahu Waxabajjii 28 halkan keessaa sa’aatii 2:00 tti buufata doonii Jibuutii ni geessi jedhamee eegama.
Haala hamaa ulaa Hoormuuz keessa ture cichoominaan dandamatanii kabajaa biyyaalessaa fi ogummaa isaanii eeganii qabeenyaa fi agarsiistuu mallattoo Itoophiyaa Doonii MV Gibee qabatanii nagaan gara fuula biyyaatti imalaa kan jiran gootota doonii kana ofaanif kabjni guddaan akka malu ibsamuu ragaan Dhaabbata Geejjibaa Galaanaarraafi Loojistiskii Itoophiyaa irra argame ni mul’isa.