‎Raashiyaan filannoo Itoophiyaa milkaa’inaan xumurame dinqisiifatte

AMN PLUS- Waxabajjii 17/2018

Itoophiyaan filannoo waliigalaa 7ffaa karaa nagaafi diimookiraatawaa ta’een milkaa’inaan gaggeessuu Raashiyaan dinqisiifatte.

Ministeerri Dhimma Alaa Raashiyaa ibsa baaseen, Paartiin Badhaadhinaa teessoo Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa 438 argachuun injifannoo amansiisaa galmeessisuu eereera.

Ministeerichi ibsasaan Gamtaan Afrikaafi IGAD taajjabdoonni filannoo adeemsi filannichaa karaa nagaafi diimookiraatawaan gaggeeffamuu akkasumas sarbamiinsi akka hin raawwanne ibsuu isaanii yaadachiiseera.

Filannichi milkaa’inaan xumuramuun Itiyoophiyaanonni tokkummaa biyyaalessaa cimsuufi amantaa bulchiinsa ammaarraa qaban kan agarsiisudha jedheera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply