Finfinneen miseensa Garee Magaalota “Breathe Cities” ta’uun filamte

You are currently viewing Finfinneen miseensa Garee Magaalota “Breathe Cities” ta’uun filamte

AMN PLUS- Waxabajjii 17/2018

Finfinneefi Maadiriid miseensota haaraa garee Magaalota “Breathe Cities” jedhamuutti makaman.

Dhaabbanni tola ooltummaa “Bloomberg Philanthropies”, qulqullina qilleensaa fooyyessuuf doolaara miiliyoona 45 ramaduun magaalota addunyaa irraa filaman 16 waliin gara fuulduraatti hojjechuuf akka jedhu beksiseera.

Finfinneen sagantaa “Breathe Cities” kanatti makamuun ishee, hojii qulqullina qilleensaa magaalattii fooyyessuuf hojjetamu caalaatti ni deeggara jedhameera.

Har’a sagantaa ‘Torban Hojiirra Oolmaa Jijjiirama Qilleensaa Landan’ irratti akka ibsametti, Finfinneen miseensa magaalota “Breathe Cities” ta’uun ishee kan mirkanaa’e yoo ta’u, sagantichi “Clean Air Fund” fi “C40 Cities”tiin magaalota kanneen waliin hojjeta.

Kaayyoon isaas qulqullina qilleensa magaalaa fooyyessuu fi miidhaa fayyaa qulqullina qilleensaa waliin wal qabatee dhufu hir’isuudha.

Kunis Finfinnee dabalatee magaalota addunyaa 16 keessatti kan hojiirra oolu ta’a.

Finfinneen miseensa garee kanaa ta’uu hordofuun, Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee karaa bakka bu’aa isaaniitiin, “Finfinneen miseensa Breathe Cities ta’uun ishee faayidaa guddaa qaba,” jedhanii; hojii misooma kooriidarii magaalota keenya keessatti gaggeessaa jirruun bu’aa dhufeedha” jedhan.

Miseensummaan kun ce’umsa magaalaa hunda-galeessaan Finfinnee qulqulluu, bareedduu, magariisa fi naannoo jireenyaaf mijataa uumuuf hojjetamaa jiru cinaatti, ashaaraa magariisaa, daandii biskileetii fi meeshaalee to’annoo qulqullina qilleensaa caalaatti bal’isuuf gargaara jedhaniiru.

Finfinneen yeroo yaa’ii COP32 qopheessitu, dhimma to’annoo fi fooyya’iinsa qulqullina qilleensaa irratti muuxannoowwan qabnu magaalota Afrikaa birootiif akkasumas magaalota addunyaatiif agarsiisuuf nu gargaara jedhan Kantibaa Adaanech Abeebee.

Ergamaan Addaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii dhimma Jijjiirama Qilleensaa fi Hundessaan Dhaabbata Tola Ooltummaa Bloomberg Maayikil Bluumberg gama isaaniitiin, “Magaalota ‘Breathe Cities’ kanaan kantiibonni fi hoggantoonni magaalotaa qulqullina qilleensaa fooyyessuu keessatti adda durummaan hojjechuu isaanii itti fufanii jiru,” jedhan.

Tarkaanfiin magaalittiin gara fuulduraatti qulqullina qilleensaa fooyyessuuf fudhattu hundi fayyaa uummataa fooyyessuu fi hamma faalama qilleensaa gadi hir’isuuf ni gargaara – kunis magaalota jireenyaafi hojiif bakka caalaa mijataa taasisa jedhaniiru.

Magaalota haaraa dabalatan makaman Finfinnee fi Maadriid cinaatti, Akraa, Baankok, Bogootaa, Biraasils, Jakaartaa, Joohanisbarg, Landan, Meeksikoo Sitii, Miilaan, Naayiroobii, Paaris, Riyoo de Jeneeroo, Soofiyaa fi Waarsoo keessatti argamu.

Kunis kantiibotni magaalota kanneeni faalama qilleensaa hir’isuu fi fayyaa uummataa fooyyessuuf hidhataan akka hojjetan carraa kan uumudha jechuun Kominikeeshinii Finfinnee ibseera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply