Milkaa’inni filannichaa kutannoo Itoophiyaan bulchiinsa diimokiraasiif qabdu agarsiisa- IGAD

You are currently viewing Milkaa’inni filannichaa kutannoo Itoophiyaan bulchiinsa diimokiraasiif qabdu agarsiisa- IGAD

AMN PLUS- Waxabajjii 17/2018

Filannoon waliigalaa 7ffaan milkaa’inaan gaggeeffamuun kutannoo Itoophiyaan bulchiinsa diimokiraasiif qabdu agarsiisa jedhe Dhaabbanni Misoomaa Mootummoota Gaanfa Afrikaa (IGAD).

Barreessaa Olaanaan IGAD Dooktar Warqinaa Gabayyoon filannichi milkaa’inaan gaggeeffamuu ilaalchisee ergaa baga gammaddanii dabarsaniiru.

Ergaa isaaniin Ministirri Muummee Dooktar Abiyyi Ahimad fi paartiin isaanii Paartiin Badhaadhinaa filannichaan sagalee olaanaa argachuun waan injifataniif baga gammaddan jedhaniiru.

Ga’umsa ogummaa Boordiin Filannoo Biyyaalessaa adeemsa filannoo kanarratti argisiiseef IGAD beekamtii kan kennu ta’uu kaasanii, hirmaannaa ho’aa Itoophiyaanonni taasisan filannichi milkaa’inaan akka xumuramuuf qooda qabaachuu ibsaniiru.

Kunis kutannoo Itoophiyaan bulchiinsa diimokiraasiifi sirna heera mootummaaf qabdu kan agarsiisu ta’uu hubachiisaniiru.

Filannichi milkaa’inaan xumuramuun tattaaffii Itoophiyaan tokkummaa biyyaalessaa fi marii hunda hammataa ta’e cimsuuf akkasumas nageenyaafi misooma waaraa itti fufsiisuuf taasiftu keessatti qooda olaanaa qabaachuu eeraniiru.

IGAD mootummaa Itoophiyaa waliin hariiroofi tumsa naannawaa akkasumas tumsa damee nageenyaaf tasgabbiin qaban cimsuuf kutannoo qabaachuu mirkaneessaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply