Naareendiraa Moodiin MM Abiyyi Ahimadiif ergaa gammachuu dabarsan

You are currently viewing Naareendiraa Moodiin MM Abiyyi Ahimadiif ergaa gammachuu dabarsan

AMN PLUS- Waxabajjii 17/2018

Ministirri Muummee Indiyaa Naareendiraa Moodiin Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimadiifi Paartiin Badhaadhinaa Filannoo Waliigalaa 7ffaa injifachuu isaaniin ergaa gammachuu dabarsan.

Mr. Moodiin ergaa isaaniin “Hiriyaa koo, Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad Alii fi Paartii Badhaadhinaaf filannoo waliigalaa Itoophiyaa injifannoo guddaa argattaniin baga gammaddan jechuun gammachuu koo guddaan isiniif ibsuun barbaada” jedhan.

Indiyaafi Itoophiyaa gidduu hariiroo seena qabeessaafi bu’uura cimaa qabu Indiyaan baay’ee kabajdi jedhaniiru.

“Bara darbe yeroo Itoophiyaa daawwadhe yaadannoo gaarii qaba; akkasumas tumsa tarsiimawaa keenya fi hariiroo michummaa ummattoota keenya gidduu jiru caalaatti cimsuuf walitti dhiyeenyaan hojjechuuf hawwii guddaa qaba” jedhan Mr Moodiin ergaa isaaniin.

Paartiin Badhaadhinaa Filannoo Waliigalaa 7ffaa Caamsaa 24 gaggeeffameen Teessoo Paarlaamaa 438 argachuun injifachuu isaa Boordiin Filannoo Biyyaalessaa torban kana ibsuun ni yaadatama.

Tagany Bafiqaaduutiin Qindaa’e

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply