AMN PLUS- Waxabajjii 17/2018
Pireezidaantiin FDRI Taayyee Atsiqasillaaseen xalayaa muudamaa Ambaasaaddaroota biyyoota 11 fuudhaniiru.
Ambaasaaddaroota Sa’ud Arabiyaa, Koongoo, Poorchugaal, Naayijeeriyaa, Siriilaankaa, Maalaawwii, Gaanaa, Uraagaay, Isloovaakiyaa, Madagaskaar fi Uuzbeekistaan irraa xalayaa muudamaa fuudhaniiru.
Pireezidaanti Taayyeen wayita kana Itiyoophiyaan biyyoota kanneen waliin tumsaan hojjechuuf fedhii akka qabdu ibsuusaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.