Kutaalee Magaalaa Hundatti waadaa keenya gochaan agarsiisneeerra – Kantiibaa Adaanech Abeebee

You are currently viewing Kutaalee Magaalaa Hundatti waadaa keenya gochaan agarsiisneeerra – Kantiibaa Adaanech Abeebee

AMN PLUS -Waxabajjii 17/2018

Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee umrii waggaa tokkoo keessatti giddu gala tajaajila iddoo tokko A-Masoob Kutaalee bulchiinsa magaalatti 11 keessatti tajaajilaaf banaa taasisuun waadaa keenya gochaan mul’isuu dandeenyerra jedhan.

Aadde Adaanech ergaa toora miidiyaa hawaasaa isaaniin dabarsaniin jiraattotni magaalaa keenyaa giddu gala tajaajila iddoo tokkoo A-Masoob baasiifi yeroo qusatu, kenniinsa tajaajila saffisaafi qulqullina qabu kennu, malaammaltummaafi loogiirraa walaba tahe kutaalee magaalaa hunda keessatti argachuu keessaniif baga gammaddan jedhaniiru.

Giddu galootni kunniin hawaasaaf tajaajila dhaabbilee mootummaatiin kennamu dhibbeentaa 50’n si’ataa taasisaa akka jirus ibsaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply