Finfinneen Yaa’ii Nageenya Saayibariifi Hubannoo Namtolchee Idil addunyaa keessummeessaa jirti

You are currently viewing Finfinneen Yaa’ii Nageenya Saayibariifi Hubannoo Namtolchee Idil addunyaa keessummeessaa jirti

AMN PLUS -Waxabajjii 17/2018

Yaa’iin Nageenya Saayibariifi Hubannoo Namtolchee Idil addunyaa Finfinneetti keessummeeffamaa jira.

Yaa’ichi walta’insa Waldaa Nageenya Saayibarii Itoophiyaafi Komishiinii Diinagdee Afrikaatin kan qophaa’edha.

Pirezidaantiin Waldaa Nageenya Saayibarii Itoophiyaa Birhaanee Bayyanaa (PhD) Yaa’icharratti haasawaa taasisaniin, yaa’iin kun nageenya Odeeffannoo mirkaneessuufi guddina Afrikaa itti fufiinsa qabu mirkaneessuu keessatti gahee qaba jedhan.

Yaa’ichi nageenya Saayibarii, bulchiinsa hubannoo namtolchee AI fi cehumsa dijitaalaa amanamaarratti xiyyeeffachuun ni mari’atas jedhan.

Komishinii Diinagdee Afrikaatti Itti Aantuun Barreessaa Olaanaa Maamaa Kee’itaa (PhD) Nageenyi Odeeffannoo addunyaa Dijitaalaa keessatti iddoo olaanaa qabaachuu ibsanii tokkummaafi guddina Afrikaaf bu’aa akka qabu hubachuun murteessaadha jedhan.

Daayirektarri Olaantuun Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Aadde Tigisti Hamiid gama isaaniitiin walga’iin kun guddina jijjiirama dijitaalaa guutuu Afrikaa keessatti tarkaanfachiisuuf bu’aa olaanaa qabaachuu ibsan.

Keessumattuu qormaata itti fufiinsaan dabalaaa jiru madaaluuf akkasumas qorachuuf carraa guddaadha jedhan.

Yaa’ii kanarratti hoggantoonni dhaabbilee, qorattoonniifi qooda fudhattoonni dhimmi ilaallatu biyya keessaafi alaa hirmaachaa jiru.

Gabaasni kan Geetaahun Katamaati

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply