Mandara Gaarummaa Finfinnee Abdiin Lammiilee keessatti haareffamaa jiru

You are currently viewing Mandara Gaarummaa Finfinnee Abdiin Lammiilee keessatti haareffamaa jiru

AMN PLUS – Waxabajjii 17/2018

‎Itoophiyaan waggoota muraasa darban keessatti gargaarsa irratti hirkataa turte keessaa bahuun, humna ofii isheetiin lammiilee ishee dhaqqabuu danda’uun aadaa namoomaa haaraa diriirsuun hojii irra oolchaa jirti.

‎Jijjiirama guddaa kana keessaa agarsiiftuun tokko pirojektiin “Mandara Gaarummaa” Magaalaa Finfinnee hojii yeroo gannaa qofa raawwatamu osoo hin taane, akkaataa jireenya magaalaa jiraattota isheef caalmaatti mijataa fi abdii kan kennu babal’isaa jirti.

‎Dhiyeenya kana Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee, Kutaa Magaalaa Araadaatti kan jalqabame ijaarsi “Mandara Gaarummaa” tajaajila tola ooltummaa jecharraa gara hojii qabatamaatti kan ceesise hojii murteessaa dha.

‎Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee akka ibsanitti, pirojektiin kun namoota rakkatan bira gaʼuu fi namoota humna hinqabne deeggaruun duudhaa jiru hawaasni akka itti fufsiisuf kan qophaa’edha jedhaniiru.

‎Pirojektiin kun pirojektii tola ooltummaa qofa osoo hin taane, adeemsa kabaja dhala namaa cimsuu fi jireenya ammayyaa uumuuf gargaarudha.

‎Hojiiwwan gurguddoon manneen jireenyaa umrii dheeraa tajaajiluun dullooman haaromsuun qulqullinaa isaanii eeguudhaan bakka jireenyaaf mijataa ta’e uumuu akkasumas dirreewwan tapha daa’immanii fi dirreewwan ispoortii dabalatee iddoowwan magariisaa miidhagina naannoo sanaa eegan uumuudha.

‎Dabalataanis nyaataa, uffataafi meeshaalee barnootaa karaa itti fufiinsa qabuun deeggarsa taasisuun, biqiltuu dhaabuufi duula qulqullina naannoo gaggeessuun magaalaa jireenyaaf mijattuu taasisuun dargaggoonni kumaatamaan lakkaa’aman beekumsaa fi humna isaanii hawaasa isaanii tajaajiluuf oolchaa jiru.

‎Kantiibaa Adaanach Abeebee akka jedhanitti tola ooltummaa wal amantaa, waliin jiraachuu, ciminaa fi obbolummaa kan ijaaruufi daandii badhaadhinaa Itoophiyaa kan agarsiisu ta’uus himaniiru.

Daraartuu Tarreessaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply