AMN PLUS- Waxabajjii 17/2018
Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) Yaa’ii biyyaalessaa Itoophiyaan ni Raawwatti jedhuun gaggeeffame irratti argamuun haasawa bal’aa taasisaniiru. Qabxiilee ijoo keesaan muraasa:
Imalli Itoophiyaan gara fuulduraatti taasistu daandii biyyoota biroo hordoftee isaan dhaqqabuuf osoo hin taane, boqonnaa seenaa mataa ishee banuu fi milkiidhaan ce’uuf kan kaayyeffate dha.
Bara baajataa 2018tti dinagdeen Itoophiyaa %10.2 akka guddatu eegama; kunis yeroo ammaa guddina dinagdee Afrikaa keessatti isa saffisaa ta’e keessaa tokko dha.
Qaala’iinsi jireenyaa %30 ol ture haalaan hir’atee gara lakkoofsa diijiitii baaqqeetti gadi bu’uu danda’eera; daldalli al-ergiillee sadarkaa olaanaadhaan guddachaa jira.
Sirna eenyummaa dijitaalaa “Faayidaa” fi sirna kaffaltii dijitaalaa fayyadamuun mootummaa, dhaabbilee faayinaansii fi lammiilee gidduutti amantaa uumuun carraa liqii fi kaappitaalaa bal’iseera.
Bu’aan guddina dinagdee kun tasuma kan dhufe osoo hin taane, murtoo fooyya’insaa fi ifaajii guddaa irraa kan argame dha.
Guddinni dinagdee lakkoofsaan qofa osoo hin taane, dhaabbilee ijaaraman fi jijjiirama qulqullina jireenya uummataatiin madaalamuu qaba.
Haalli Itoophiyaan keessa jirtu rakkoolee tokko tokkoon hiikuuf waan hin eeyyamneef, yeroo tokkotti ijaaraa, tasgabbii uumaa, tajaajila kennaa fi fooyya’iinsa fiduun barbaachisaa dha.
Fooyya’insi dinagdee eegumsa hawaasaa, ce’umsa dijitaalaa, humna namaa, tokkummaa biyyaalessaa fi misooma naannoo wal deeggaruun biyya cimsuuf gumaacha.
Ijaarsi biyyaa mootummaa qofaan osoo hin taane, hirmaannaa fi itti gaafatamummaa waloo hawaasaa fi lammiilee hundaati.
Ijaarsi biyya taatee yeroo tokkoo miti; adeemsa itti fufiinsa qabu, dhugummaa, obsa fi muuxannoo darbe irraa barachuu gaafatu dha.
Fooyya’iinsi taasifame dhaabbilee dorgomoo fi itti fufiinsa qaban uumuun, carraa hojii uumuu fi badhaadhina naannolee hunda keessatti mirkaneessuu qaba.
Lammiin tokkoon tokkoon isaa hojii gaarii jiru eeguudhaan, hanqina jiru sirreessuudhaan, dhaloota dhufuuf Itoophiyaa bu’uura cimaa qabdu dabarsuu irratti itti gaafatamummaa qaba.
Walumaagalatti, ce’umsa bal’aa kana caalaatti milkeessuuf:
Tasgabbii dinagdee gooroo cimsuu,
Gahee magaalotaa oomishtummaaf qaban guddisuu,
Gumaacha sirnoota dijitaalaa babal’isu,
Ce’umsa damee qonnaa fi albuudaa saffisiisu,
Bu’uuraalee misoomaa faayidaa waaraa uummataaf uuman irratti xiyyeeffachuu akka barbaachisu ibsaniiru.