Lammiileen Itoophiyaa Saawudii Arabiyaatti adeemsi murtii isaanii addaan citee dhiifamni taasifameef gara biyyaatti deebi’an

You are currently viewing Lammiileen Itoophiyaa Saawudii Arabiyaatti adeemsi murtii isaanii addaan citee dhiifamni taasifameef gara biyyaatti deebi’an

AMN PLUS -Waxabajjii 17/2018

Lammiileen Itoophiyaa Saawudi Arabiyaatti adeemsi murtii isaanii addaan citee dhiifamni taasifameef adeemsa dippiloomaasii lammiilee irratti xiyyeeffatee mootummaan hordofu bu’uureffachuun gara biyyaatti deebi’uu jalqaban.

Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Birhaanuu Tsaggaayee akka jedhanitti; qajeelfama dippilomaasii lammiilee irratti xiyyeeffate bu’uureffachuun, lammiilee biyyoota alaa keessatti rakkoo irra jiran gara biyyaatti deebisuuf hojjetamaa jira.

Misiyoonii FDRI Saawud Riyaad jiru fi Waajjira Qoonsilaa Jiddaa jiru qindeessuun yaalii dippilomaasii taasifameen, lammiilee Kuma 1 fi 665 mana amala sirreessaa turan adeemsi murtii isaanii addaan citee dhiifamni akka godhamuuf taasifamuun ni yaadatama.

Mootummaan hojii lammiilee dhiifamni taasifameef gara biyyaatti deebisuu ifatti jalqabuu ibsuun; warra dhiifamni taasisameef keessaa 340 har’a gara biyya isaaniitti deebi’aniiru jedhaniiru.

Mootummaan lammiilee biyyoota alaatti rakkoo keessa jiran baraaruuf xiyyeeffannoodhaan hojjechaa akka jirus eeraniiru.

Bu’aan amma argame kun bu’aa hordoffii dippilomaasii walitti fufiinsa qabu kan waggoottan lamaan darban fi isaa ol taasifamaa tureeti jedhan.

Lammiilee gara biyyaatti deebi’an keessaa irra caalaan isaanii dargaggoota biyya isaaniitti hojjetanii jijjiiramuu danda’an ta’uus eeraniiru.

Biyya hambaatti hidhaa fi rakkoof kan saaxilaman odeeffannoo dogoggoraa fi sababa adda addaatiin karaa seeraan alaa filachuu isaaniitiin ta’uu ibsuu isaanii ENA’n gabaasera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply