Paartiin Badhaadhinaa Dr. Abiyyi Ahmadiin hogganamu filannoo waliigalaa Itoophiyaa injifachuusaan Chaayinaan ergaa baga gammaddanii dabarsite

You are currently viewing Paartiin Badhaadhinaa Dr. Abiyyi Ahmadiin hogganamu filannoo waliigalaa Itoophiyaa injifachuusaan Chaayinaan ergaa baga gammaddanii dabarsite

AMN PLUS – Waxabajjii 19/2018

Paartiin Badhaadhinaa Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahmadiin hogganamu filannoo waliigalaa Itoophiyaa 7ffaa irra deebi’ee injifachuusaaf Ministeerri Dhimma Alaa Chaayinaa ergaa baga gammaddanii dabarse.

Dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Chaayinaa, Guwoo Jiyaakun, Chaayinaan michuu tarsiimowaa Itoophiyaa ta’uu isheetiin, Itoophiyaan daandii haala qabatamaa biyyaalessaa ishee waliin walsimu akka hordoftu ni deeggarra jechuun ibsaniiru.

Akkasumas, Itoophiyaan hojii misooma biyyaalessaa keessatti milkaa’ina caalu akka galmeessitu akka amanan dubbataniru.

Guwoo Jiyaakun dabalataan, Chaayinaan hariiroo ishee Itoophiyaa waliin qabdu baay’ee akka kabajdu ibsanii, waliigaltee biyyoota lameen gidduutti irra gahame fi bu’aawwan Foramii Tumsaa Chaayinaa fi Afrikaa hojiitti hiikuuf Itoophiyaa waliin hojjechuuf qophooftee akka jirtu himaniiru.

Akkasumas, tumsa waliigalaa dameewwan garaagaraa keessatti biyyoota lameen gidduu jiru cimsuun uummata biyyoota lamaaniif bu’aa guddaa akka fiduuf, akkasumas tokkummaa fi tumsa Chaayinaa, Afrikaa fi biyyoota Kibba Addunyaa gidduutti jiru cimsuuf gahee ishee bahuuf ciminaan akka hojjettu ibsuu isaanii Shiinuhaan gabaaseera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply