AMN PLUS -Waxabajjii 19/2018
Boba’aa, meeshaalee shiishaa fi wantoota sammuu namaa hadoochan to’atamuu isaa Qajeelchi Waliigala Poolisii Finfinnee beeksise.
Meeshaaleen kunneen karaa seeraan alaatiin Kutaa Magaalaa Lammii Kuraa, Aanaa 13, iddoo addaa “Wasan” jedhamutti kuufamanii akka argaman ibsameera.

Sakatta’iinsa qindaa’aa Tajaajilli Nageenyaa fi Odeeffannoo Biyyaalessaa Damee Intalajensii Poolisii Federaalaa waliin taasiseen meeshaaleen shiishaa ittiin fayyadamaniifi boba’aan seeraan alaa kuufaman to’annoo jala ooluun isaanii ibsameera.
Hojii qorannoo fi sakatta’iinsaa qindaa’aan kunis eeruu jiraattonni naannoo kennan irratti hundaa’uun kan raawwatame yoo ta’u, hoteelotaa fi manneen jireenyaa dhuunfaa naannawaa sana keessatti namoonni gareedhaan walitti qabamanii qoricha sammuu namaa hadoochu fi shiishaa fayyadamuu fi namoonni biroo akka fayyadaman taasisaa akka turan ifoomeera.
Qajeelchi Poolisii Kutaa Magaalaa Lammii Kuraa Damee Intalajensii Poolisii Federaalaa fi Tajaajila Nageenyaa fi Odeeffannoo Biyyaalessaa waliin qindoominaan hojjechuun namoota hojii seeraan alaa kana raawwatan irratti qorannoo gaggeessuun adda baafachuun akka to’ataman taasifamuun ibsameera.

Ajaja mana murtii irratti hundaa’uun sakatta’iinsa taasifameen mana jireenya dhuunfaa keessatti boba’aan Liitira 900 ol ta’u, akkasumas meeshaalee shiishaa, tamboo, qorichaaleen adda addaa akka argamuun eerameera.
Hawaasni naannawaa hundatti gochoota seeraan alaa fi jeequmsa kaasuuf sababa ta’an iddoowwan wantoota sammuu namaa hadoochan dhoksaan itti fudhataman poolisii waliin qindoominaan hojjechuun akka dhabamsiifaman taasisuun dhalootaaf naannawaan nageenya qabu akka uumamuuf gahee isaanii bahachuu cimsanii akka itti fufan Qajeelchi Waliigalaa Poolisii Finfinnee waamicha dhiyeessera.