Itoophiyaafi Ingiliz fooramii daldalaafi invastimantii gaggeessan

You are currently viewing Itoophiyaafi Ingiliz fooramii daldalaafi invastimantii gaggeessan

AMN PLUS -Waxabajjii 19/2018

Hidhi Guddichi Haaromsa Itoophiyaafi buufanni xiyyaaraa idil-addunyaa Bishooftuu Itiyoophiyaan wiirtuu humnaafi loojistiksii naannawichaa ta’uu mirkaneessaa jiru jedhan Ministirri Dhimma Alaa Dooktar Geediyoon Xiimootiwoos.

Fooramiin daldalaafi invastimantii Itoophiyaafi Ingiliz 6ffaan magaalaa Loondoonitti gaggeeffameera.

Dooktar Geediyoon fooramicharratti Itoophiyaan fooyyessii diinagdee mandhaleen rakkoolee sharafa alaa furuun invastimantiif haala mijataa uumuu ibsuun mootummaan iftoomina dhaabbattummaa fooyyessuun hudhaalee abbootiin qabeenyaa kaasan furuuf kutannoo qabaachuus kaasaniiru.

Xiyyeeffannoo addaa anniisaa haaromfamaaf kennameen Hidha Haaromsa Guddicha Itoophiyaa dabalatee maddeen anniisaa garaagaraa fedhii biyya keessaa guutuurra darbee Itoophiyaa wiirtuu anniisaa naannawichaa taasisaa akka jirus Dooktar Geediyoon eeraniiru.

Buufanni xiyyaaraa idil-addunyaa Bishooftuus dameewwan aviyeeshinii, loojistiksii, ijaarsaafi turizimiin filmaatilee invastimantii fi carraa hojii bal’aa uumaa akka jiran ibsaniiru.

Ingilizitti Ambaasaaddarri Itoophiyaa Ambaasaaddar Biruk Mokonnin gama isaaniin, dameewwan diinagdee waggoottan jaatamman darbaniif damee dhuunfaaf cufamanii turan riifoormii dhaabbilee faayinaansiin deeggaramuun banamuu kaasaniiru.

Ministirri Dhimma Alaa Dooktar Geediyoon Xiimootiwoos fooramicharratti ergaa dabarsaniin dhaabbileen daldalaa Ingiliz hojiilee invastimantii Itoophiyaa keessatti akka hirmaataniif waamicha dhiyeessuu isaanii ragaan Loondootti Imbaasii Itoophiyaarraa argame ni mul’isa.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply