Waggoota shan keessatti Finfinneen jijjiirama seena-qabeessa galmeessite – Waajjira Kantiibaa Magaalaa Finfinnee

You are currently viewing Waggoota shan keessatti Finfinneen jijjiirama seena-qabeessa galmeessite – Waajjira Kantiibaa Magaalaa Finfinnee

AMN PLUS -Waxabajjii 19/2018

Waggoota shanan darban keessatti pirojektiiwwan misooma qarqara laggeenii fi koriidarii Magaalaa Finfinneetti raawwatameen magaalaatti miidhagsuun alattis nageenya, dinagdee fi jireenya hawaasummaa jiraattota guutummaatti kan jijjiire jijjiirama bu’uuraa akka ta’e Waajjirri Kantiibaa Magaalaa Finfinnee ibseera.

Bu’uuraalee misoomaa gurguddaan kunneen Inxooxxoo irraa hanga Paarkii Piikookiitti akkasumas Inxooxxoo irraa hanga Qabbannaatti dheerina 22KM ol ta’u uwwisuun bifa Magaalaa Finfinnee sadarkaa olaanaadhaan jijjiireera.

Pirojektiin kun miidhagina lafaa fi qarqara laggeenii agarsiisuun alattis misoomni eegumsa naannoo wajjiIn wal simuun qorannoo fi kaayyoo waliinii irratti hundaa’ee akkamitti hojii irra ooluu akka danda’u hojii qabatamaan agarsiise, bu’a qabeessaafi ammayyaa’aa ta’uun fakkeenya gaarii kan mul’ise yoo ta’u, imala misoomaa waggoota shanan keessatti gama jijjiirama eegumsa naannoo fi nageenya uummataatiin milkaa’ina guddaa galmeesse akka ta’es eerameera.

Magaalattii kanaan dura keemikaalonni summa’ooni fi balfi itti gatamaa ture akkasumas balaa lolaa cimaaf saaxilama turte, har’a bakka qulqulluu, mijataa fi bakka boqonnaa qaban magariisummaatti akka jijjiiramanis ibsameera.

Hojiin misoomaa qindaa’aan kun bo’oo dhangala’aa dabarsaniin rakkoo balaa lolaa furuun jiraattota qarqara lagaatti siquun yaaddoon jiraataa turanis jireenyi isaanii akka jijjiirames eerameera.

Sochiin misooma Magaalaa Finfinneetti hojjetamaa turan laggeen balfaan xura’aan qulqulleessuun akkasumas ilaalcha hawaasaa jijjiiruun haala itti fayyadama qabeenya lafaa hojii qabatamaatti hiikuun injifannoo guddaa akka ta’es ibsameera.

Tarsiimoon pirojektichaas nama giddu galeessa kan taasifate walitti dhufeenya hawaasummaa fi dinagdee magaalaa bifa haaraan kan ijaare yoo ta’u, iddoowwan uummanni itti walgahan babal’aa, daandiiwwan deemsa miilaa, giddugaloota bashannanaa fi iddoowwan daldalaa waliin qindeessuun Finfinneetti kan hojjetaman sochii fi haalaa mijataa jireenya namootaa irratti hundaa’e bakka hawwataa turizimii akka taatuuf shoora olaanaas bahateera.

Dabalataanis sochiin hojiilee misoomaa Magaalaa Finfinneetti hojjetaman kunneenis carraalee hojii hedduu kan uume yoo ta’u, ogeessonni ijaarsaaa biyya keessaa gara sadarkaa olaanaatti akka guddatanis taasiseeras jedhameera.

Siidaawwan fi mallattooleen garaagaraa iddoowwan misooman keessatti dhaabamanis miidhagina kunnu qofaaf osoo hin taane seenaa fi hambaalee durii Itoophiyaa ibsuun yaadannoowwan qabatamaa dhaloota eegereetif kan teechisan akka ta’es himaameera.

Milkaa’ina misoomaa kunis ilaalcha hawaasaa jijjiiruun miira abdii kutannaa fi of xiqqeessuu yeroo dheeraaf ture “homaa hin qabnu” kan jedhamu sana cabsuun qabeenya uumamaa magaalaa gara gatii dinagdee fi hawaasummaa guddaatti jijjiiruun akka danda’amu hojii qabatamaan agarsiifameera.

Misoomni kun Tarsiimoo Ashaaraa Magariisaa Itoophiyaa kan Biliyoona hedduun biqiltuu dhaabuudhaan beekamtii addunyaa argate waliin qindeessuun Finfinneen magaalaa Afrikaa keessaa jijjiirama qilleensaa dandamachuu danda’an keessaatti akka ramadamtu taasiseera.

Injifannoowwan hundagaleessa waggoota shanan darban keessatti galmaa’an kunneen magaalaa nama irratti xiyyeeffachuun bu’uuraalee misoomaa ammayyaa’aa, magariisaa fi dinagdeen cimte ijaaramte dhaloota egeree dhaalchisuun akka danda’amu ibsamuu isaa ragaan Waajjira Kantiibaa irraa argame ni mul’isa.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply